Jimma Yuunibarsiitii keessatti bara 2014 FDG moorichatti eegaleen guutummaa Oromiyaa Mara dhaqabee Wayyaanee hudhee qabuu eenyuullee
waan neekudha. FDG gurmuu Qeerroon bifa qindaa’aan akkasuma bifa haaraan eegale kanaan sabboontota danuun carraa barnootaa dhabanillee
bu’aa guddaa hawwaasa Oromoof buusee darbeera. Akkasuma tokkummaa lallabamaa ture hojiin agarsiiseera. Bu’aa gurmuun socho’uu lafa
kaahee kan darbe yoggaa ta’u, 2014 irraa eegalee moorichatti haalaan kabajamaa as gahee jira. Qeerroon moorichaas Kan bara kanaa haala
gaariin kabajatee jira. Mooraa guddaa, Kitoo furdisaa keessatti gurmuu gurmuun kabajatanii jiran. Guyyaa gootota Oromoo fuuldura jiru irratti
marii taasifatan.