Ebla 6,2017 Wayyaaneen dargaggoota Oromoo hojii barbaacha naannoo irraa sosso’an bakka isaan bobba’anitti adamsee hidhaa jirti, Godina Arsii Aanaa Doddotaa irraa daaw’adhaaf gara Godina Shaggar bahaa magaalaa Wanjii Shawaatti kan imalan dargaggoonni kun guyyaa Roobii kaleessaa yoo ta’uu akkuma isaan dhufanii Magaalaa Wanjiitti konkolaatarraa duudaniin Humna kumaandi poostitiin qabamuudhaan waajjira Poolisii Magaalattii keessatti hidhee jira, dhimma kamiifuu dargaggoonni Oromoo gurmaayanii deemuun dhoorgadha jettee akkuma labsii yeroo muddamaa keessatti dubbatte Amantiidhaaf jedhanii bobba’uunis yakka ta’ee jira,Dargaggoonni Hidhaman kun baay’inni isaanii nama 12 yoo ta’uu kan amma maqaan isaanii nu gahe Izzaddiin Muussaa, Jamaal She Kadiir,Awwaluu H/ Ismaa’il, Abdurrahiim Muhaammad, Kadiir Amaan, Nasroo H/ Abdoo fi Tamaam H/Tunii kan jedhamaniidha.