Godina Wallagga aanaa Kiiramuu ganda Burqaa Soorumaa mana barumsaa Sadarkaa 1ffaa Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabbaase.

Ebla 3,2017/ Godina Wallagga  aanaa Kiiramuu ganda Burqaa Soorumaa mana barumsaa sad 1ffaa keessatti bitootessa 30  irraa eegalee barattoota mana barumsichaan fxg  mootummaa abbaa hirree mormuu irratti hundaa’e haala ho’aan geggeeffamaa jiraachuusaa Qeerroon araddaa Burqaa Soorumaa ibsan.mana barumsaa kana keessatti fincila geggeeffamaa jiruun Ebla 3, 2017 wayita barattoonni fincila mormii eegalan humni
waraanaa mootummaa Wayyaanee magaalaa Kiiramuurraa gara sana   deemuun barattoota addaan bittinsee erga deebi’ee maatii barattootaa ijoollee isaanii hubachuuf gara sanatti deeman qabachuudhaan fuudhuun gara waajjira poolisii aanaa Kiiramuutti akka deeman gabaafame.
Maatiin barattootaa qaama mootummaa kanaan qabamanii deeman keessaa muraasni   obbo Muluu Tarrafaa, obbo Gammadaa waajjiraa,obbo kabaa dale, obbo getaachoo gammachuu, obbo abbabaa dhinsaa, obbo abbabaa namarraafi kanneen maqaansaanii ammaaf nun ga’iin hedduu akka ta’anvQeerroon kiiramuu gabaasan.

https://youtu.be/uSlHzv1h4xU

Leave a comment