Maqaa Leenjii “Haala Yeroo” Jedhuun Dabballoonni Abbaa Irree TPLF Barattoota Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Dararaa Jiraachuun Beekame.

Bitootessa 16,2017/ Yuunversiitii wallaggaa keessatti mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jimaataa ganamarraa kaasuudhaan hanga guyyaa gaafa sanbata guddaatti gootowwan Qeerroo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessa jiraniif maqaa leenjii haala yeroo irratti jedhuun Wayyaaneen baratoota sosaobbaaf yaaluuf qoophii xumurtee akka jirtu ibsame.
Karoora wal ga’ii wayyaaneen baratoota moorichaa ittiin sossobuuf baaste kanas barattoonni moorichaa didaa akka jiranillee himamaa jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo uummanni oromoo ajeefamaa fi jumlaan mana hiraarsaa wayyaaneetti guuramuudhaan gidirfamaa jirutti sirni nama nyaataa abbaa irree Wayyaanee garuu tuffii uummata Oromoof qaburraa ka’uudhaan maqaa wal ga’iitiin gootowwan  baratoota Qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa jiran sossobuuf  akka jechaa jiran gabaafamee.
Yuunversiiticha keessattis waayiloonni fi jaleewwan mootummaa abbaa irree wayyaanee mooricha keessa oliif gadi fiiguudhaan baratoota
sossobaa akka jiran himame. Gootowwan qeerroon mooraa yuunversiitii wallaggaa garuu wal ga’ii wayyaaneen karoorsaa jirtu  guutummaan guutuutti akka hin deemnee fi marii wayyaaneen karoorsite jirtu kanas addaan fashalsuuf qoophiin hundi xumuramee akka jiru maddeen qeerroo mooraa yuunversiitii Wallaggaa irra nu qaqqaban gabaasaa jiru.

Leave a comment