Bitootessa 3/2017 Gidduugaleessa Oromiyaa Godina Lixa Shaggaar Aanaa Aadaa’aa Bargaa Mogoriitti Mootummaan Wayyaanee Maqaa Humna Aaddaa hidhatee Socho’uu dhoksitan jedhuun Waraana koomandii Poostii bobbaasuun Uummata Oromoo jiraattoota naannoo hidhaafi reebichaan hiraarsaa jiraachuu maddeen Qeerroo Moogor gabaasan.
Haalaa kanaan Uummatni Oromoo Aanaa Aada’aa Bargaa naannawaa Moogor Araddaalee  Darroo Bmbii, Darroo xaaxeessaa, Dirree, Libaan jedhaaman  keessaatti addatti humna waraana Koomandii Poostii humnaa ol irra qubsiisuun uummata shororkeessa jiraachuun ibsameera.  Qeerroon Bilisummaa Oromoo Moogoor  yakka shororkeessaan Waraanni koomandii Poostii Wayyaanee uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf hin jilbeeffannuu darannuu qabsoof hiriirra jechuun  dhaamsa dabarsa

Leave a comment