Gurraandhala 22,2017
Sirni abbaa irree Wayyaanee Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa waraqaa eyyamaa hin qabdan jedhuun dunkaana uummataa humnaan samsaa akka jiru ibsame.
Mootummaan gita bittuu abbaa irree Wayyaanee kan sirnisaa saamichaaf hannaan duroome yero ammaa godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessa oliif gadi adeemuun Dunkaana/Suuqii uummata magaalichaa dirqiin cufsiisaa akka jiru himame.Akka oduun achirra nu qaqqabettis hanga ammaatti Dunkaanni uummata magaalichaa heedduminaan waan cufameef uummanni rakkoo jabaa keessa seenee jiraachuun ibsame.Akka uummanni magaalichaa jedhanittis sirni wayyaanee maqaa eyyama daldalaatiin dunkaanni keenya waan nu jalaa cufameef heeddu rakkachaa jirra jechuun iyyachaa jiraachuun gabaafame.
Uummannis eyyama daldalaa baafachuufis humnaa fi maallaqni ittiin baafannu waan akka malee ol ka,eef rakkoo keessa jirra jechuun himachaa jiran.Gocha diinummaa akkasii kana kan raawwachaa jiranis heeddumminaan ergamtoota wayyaanee fi jaleewwan ishii akka ta,an maddeen qeerroo leeqaa gabaasan.Wayyaaneen guyyaan kufaatii isaa waan dhiyaateef dhiphinaaf yaaddoo keessa seenuudhaan uummata gidirsaa jira.Uummanni oromoos diddaa sirnichaaf qabu goleewwan oromiyaa bakka heedduutti waan jabeesseef wayyaaneen waan qabdee gad lakkistu dhabdee raafamaa jirti.