Amajjii 18,2017
Godina Qellemm Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti diddaan uummataa daran jabaachuurraan kan ka,e humni waraana komaandi poostii uummata magaalaa danbidoolloo goolaa jiraachuun ibsamaa jira.Magaalattii keessattis erga tarkaanffiin basaastuuykn deeninnatii akkaan jabaa fi akka guutummaa oromiyaatti beekamaa kan ta,e yeroo heedduu dhiiga ilmaan oromoo magaalaa danbi doolloo keessa oliif gadi deemuun dhangalaasaa kan ture magaalicha keessatti humna ittisa uummataatiin kutaa magaalaa danbidoolloo 02 keessatti halkan keessaa naannoo sa,a 6:30 irratti akka ajjeefamee bo,oo lolaa keessatti argame.
Ajjeechaa lukkee diinaa kan magaalaa dambidolloo keessatti yeroo darbe humna ittisa uummataa magaalaa dambidoollootiin tarkaanffiin kan irratti fudhatame kan maqaan saa Adisuu Tarraffaa jedhamu erga du,een boodas guutummaa magaalaa dambidoolloo fi naannoo ishee keessatti reebichaa fi sakata,iinsi uumatarratti hammaatee jira.Kanumaan wal qabatees diddaan uummataa akkaan jabaachuurraan kan ka,e mootummaan abbaa irree wayyaanee muddama jabaa keessa seenee akka jiru maddeen achirraa gabaasan.Tarkaanffii uummanni magaalaa d.doolloo fudhate kanaan wal qabatees shakkiin guddaan waraana wayyaanee sanyiidhaan Oromoo ta,anii fi tigiree ta,an gidduutti uumamee akka jirullee ibsamee jira.Yeroo ammaas loltoonni heedduun wal gaareffachaa akka jiran himamee jira.
.
Mootummaan abbaa irree wayyaanees yeroo ammaan kana tarkaanffii humni ittisa uummata lukkee diinaa kana irratti fudhateen wal qabatee rifaatuu fi hoolannaa keessa seenuudhaan torban kana keessas guutummaa magaalattii keessa oliif gadi deemuudhaan maqaa ABO,tu mana keessan keessa jira jedhuun uummata magaalaa dambi doollootti mana cabsuun sakata,iinsa jabaa geggeessaa akka jiru maddeen qeerroo achirraa nu qaqqaban ibsan.Hidhaa ,dararaa fi ajjeechaanis magaalaa dambidoolloo fi naannoo ishee keessatti daran jabaattee itti fufee jiraachuu maddeen achirraa gabaasan.