Godina Arsii Aanaa Roobee Mana Barumsaa Roobee Diidda’aa S/2ffaa Keessatti FXG Itti Fufuun Waraanni TPLF Barattoota Hidhaa Jira.

Mudde 10.2016

Itti fufaGodina Arsii Aanaa Roobee m/b Roobee Diida’aatti Mana barumsaa sad 1ffaa Xaqqee jedhamuun beekamutti Mudde 9,2016  barattoonni akkuma qormaata xummuranii bahaniin harka isaanii lamaan wal qaxxaamursiisun mallattoo mormii FXG agarsiisuun homna komaand poostitiin barattoonni afur hidhamuu fi kanneen hafanis adamfamaa jiraachuun dhagayameera.bifuma wal fakkaatun gootonni ilmaan Oromoo achuma aanaa Roobeetti Mana barumsaa sadarkaa 1 ffaa Ataabaa Goraas kan makamaniifi mallattoo mormii FXG agarsiisuu isaanitiin barattoonni hedfuun humnoota poolisii achitti ramadamaniin reebamuun isaanii himame

Kana malees  Arsii Aanaa Xiyyootti human komaand poostitiin guyyaa har’aa barattoonni m/b Xiyyoo sad1 ffaa hedduun hidhamaa jiraachuun himameera.

Leave a comment