Biiroo Barnoota Oromiyaa

Sadaasa 4,016

Oromiyaa keessatti barattooti hedduun gara mooraa yuuunibarsiitotaa seenanii barnoota gargaraa applied dhaan eebbifamu

Barattooti kun dameewwan barnoota saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaa irratti eebbifaman heedduun isaanii rakkoo hojidhabdummaa keessa jiru.

Dhiyeenya kana naannoo Magaalaa Finfinnee fi Finfinnee keessatti yaada isaanii hatuuf ergamtuun wayyaanee OPDOn magaalota Buraayyuu fi Sabbataatti barattoota kana dorgomsiisuun ji’oota lama kan ta’u deebii tokko malee yuunibarsiitii Finfinnee Kiiloo jahaatti erga qormaata qoreen booda callisee qormaaticha harkatti qabatee,tooftaa itti gama tokkoon Qeerroo tasgabbeessan se’ee kaa’ee ture.

Barattooti hedduun biiroo barnootaa kana qaamaa fi bilbilaan deemanii yeroo gaafatan “isin maaltu akkaas isin godha” jechuun jechoota safuu Oromoo keessaa ba’een dargaggoota Oromoo kana arrabaan quncisan.

Guyyaa gaafa 2//12/2016 Biiroon Barnootaa kun ganatee beeksisa Waajjiroota Buraayyuu fi Sabbataa irratti maxanseen,barattooti kun baay’inaan kan hambisamanii fi kanneen darbitan jedhaaanis yuunibarsiitota Oromiyaa ala jiraniifi sanuu fageenya qabanitti kome baafannaaf ramade

Barattooti kunis kome baaafannaaf yoo ta’e ofumaa achi deemaa malee maatiin keenya waggoota hedduu nutti dadhabani  nu barsiisan amma qabeenyaa ittiin yunibarsiitota daran fagoofi Oromiyaa alatti nu ramaddanitti barachuu hin dandeenyu jechuun  komee isaanii ibsatanii jiru

Ministeerri Barnoota Wayyaanee ilmaan Oromoo bara kanaa Oromiyaa alatti ramaduunis kan yaadatamudha!

Leave a comment