Magaalaa Jimmaa Nannoo Mandaraa Qocii Jedhamtu Keessatti Saamicha Lafa Magaalaa Babal’atee

Sadaasa  27,2016
Erga labsii hattattamaa baafatanii asitti saamichi haala ulfaataan nurratti adeemsifamaa jira jechuun komii gurguddaan uummata magaalaattii cinaa dhoofamaa jira.Lafa magaalaaf manneen magaalaa keessa jiran tooftaa pilaanii dabilii ta’e jedhuun nama dhuunfaa saamanii Uummata Oromoo irraa kaasanii namoota qabeenya qaban lammii biraa bakka buusuun guyyaa gara guyyaatti waan nurratti adeemsifamaa jiruuf,dubbii mootummaan Waayyaanee nurratti raawwachaa jirtu baroo miti .
Torbee kana keessa qofa manni lamaa ol diigamee jira.Gatiin kaffalamu illee akka hin jirre kaasaan alatti haala saamichaa haaraa baafachuu isaanii odoossi Qeerroo Magaalattii irraa arganne ifa taasisa.

Leave a comment