Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran

Nov 20,2016

Itti fufaHumni hidhannoo guutuun mooraa barattootaaf hawwaasa biyyaatti keessa socho’u yeroo dararaa uummata Oromoorraa dhaqqabsiisaa jirutti sodaa tokko malee gootummaa guddaan hawwaasi Oromoo akkasuma barattonni bakkeewwan hedduutti diddaa garbummaa jabeessanii jiran
Haluma kanaa guyyaa kaleessaa barattoota sabboontota Ilmaan Oromoo sababa tokko malee Jimmaa Yuunibarsiitiirraa humna Command Post n qabamanii mana hiraarsaa galanii kan jiran yoo ta’u barattoonni karaa nagaa akka hiikamaniif gaafatan illee deebiin argame akka hiikamu hin dandeenye yoo ta’u,hanga barattoota qabdaniif ilmaan Oromoo hiraarsaa jirtan gadi lakkiftanitti jechuun dhaadannoof sagalee gurguddaan
Mooraa kitoo Furdisaa keessaa barattoonni sagalee dhageessisaa jiran  Qeerroon barattoota Oromoo barruulee duula lagannaa barnotaa walii
keennaa jira.

1 thought on “Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist

Leave a comment