Damee Buruu Irraa
Saadasa 11-13, 2016 dramaa ODF fi OPDO Oromoon hin dhageenye ykn hin agarre yoo jiraate warra wal quunnamtii biyya lafaa irraa cite uummata Oromoo bal’aa qofa tahuu qaba .Seenaa qabsoon uummata Oromoo keessa godaannee as gahee warri beeknu dhaloota qubee hara’a qabsoo uummata Oromoo gatittii isaatti ol fudhate wareegama madaalii hin qabne baasaa jiruuf ibsuu yoo dhagannee dhiigni gootota Oromoo nu gaafata. Nuyi seenaa beeknu ibsuu malee murtii fi hubannaa barbaadu kan fudhachuu qabu warra seenaa Qabsoo uummata Oromoo hordofuu taha. Waan tokko kana booda kan ifa tahuu qabu jira. “Fanxoo dhoksuun dhukkuba hin fayyisu “,jedhan. Qabsoon uummata Oromoo akka hin miidhamne sodaachuu irraa kan ka’ee warra qabsoo uummata booressaa fi doomsaa jiran afaan qabanii ilaaluun dogongora guddaa dha. Hundi keenya iyyuu seenaa durati itti gaafatamuuf tenya. Hojiin keenya inni duraa seenaa agarree fi hubanne uummataa ibsuu dha. Ummatni bal’aan Oromoo akka barbaadetti seenaa keessa dabarree fi itti jirru kana dhugeefachuu ykn tasa baasee gatuuf mirga qaba.
Wal gahii Atlaantaa itti waamamee raawwate kanas hubannoo kanan haa ilaaliu . Atlantaa irratti wal gahii warri waamu dhoksaan namoota akeeka isaanii kana ni fudhatu jedhanii yaadaan qofa qubaan lakkawwanii waaman. Warri waaman kun waan tokko isaan godhu ABO jibuu fi ijaarsota Habashaa keessa turuuf seenaa gahaa qabaachuu dha. Tokko tokkoon namoota wal gahii kana irraa hirmaatanii seenaan namumaa isaanii yoo qaratame kana irraa waan adda hin tanee raga barbaacha hin dhaqu. Sab boontonni , beektonni fi baratoonni Oromoo warri waa’ee Oromoo irratti beekumsaa guddaa qabanii fi Kitaabota hedduu maxxansanii saba isaaniif gumaachan hin waamamne. Ijaarsonni qabsoo bilisummaa Oromoo gargaaran ykn naasuu qabaniif lagatamaniiru. Kun otoo Kanaan jiruu kan wali gahii kana qopheessuu fi qindeessuu garee ODF fi OPDO turan. ODF Lencoo Lataa fi Dimaa Nogoon yaroo geggeefamuu, OPDOn immoo Junadiin Saddoo presedantii OPDOn hooganameetu jira.
Warri kun harki isaanii xurii qaba. Seenaa xuraas qabu. Dhiigni ilamaan Oromoo isaan iyyachaa jira. Kan Junadiin Saddoo ajjeesse fi ajjeesiise dhalootni qubee waan beekuuf har’as diinummaan OPDO sadarkaa ol aanatti uummata Oromoo irratti boba’a waan jiruuf waa’ee OPDO kaasuun yaroo balleessuu dha. Junadiin Saddoo eennyuu? OPDOn uummata Oromoof wagaa dhigadamii shan guutuu maal hojjechaa ture? Har’oo maal hojjechaa jira ? isa jedhu akka qorataniif warra maxxansaa kana dubbisaniif dhiisa.
Amma xiqqoo tokko seenaa warra ODF namooni hin beekne ykn hin hubanne akka hordofaniif kaasuun fedha. Waa’ee isaaniis taahu qixxeelamanii irraan jalqaba. Akkuma har’a kana mootummaan Impaayara Itopiyaa tokko kufee yaroo haaraan bakka bu’uu barbaachisaa tahee argamuu ture irraan jalqabuu fedha. Bara 1991 Motummaan Dargii batala kufaa waan jiruuf Mootumaa cee’umsaa ijaaramuu keessaa qoda fudhachuuf erga murtefatanii booda Ijaarsota Oromoo, IFLO kan Jaarraa Abba Gadaan geggeefamu, Tokkichummaa Kan Jenarala Waaqoo Guutuun geggeefamuu, Oromo Aboo kan Haji Siraajiin gegeefamu baatii Ebla bara 1991 keessa Khaartum itti walitti qabanii akka isaan wajjin galan godhan. Gaafa biyya gahan garuu waan TPLF irra argatan ofii hirmaatanii manguddota fudhanii galaniif barcuma irra taa’aan miti bakka dhaabbachuu danda’anuu utuu hin laatiniif karaa irratti gatanii dhiisan. Dhuma irratti warri isaan amanee dhuka galan kun akkuma tahan tahani lubbuu isaanii yaroo baafatan kaan immoo dhadhaa ibda bu’e tahee hafeera.
Yaroo isaan mootummaa cee’umsaa keessa jiran uummatni Oromoo waan qabu maraan wajjin dhaabbatee gargaaraa ture. Dubbartoonni Oromoo meetii mormaa isaanii irraa utuu hin hafiin gummaachaniiru. Isaan garuu uummata Oromoo hidhanaa hikachiisuu , bakka TPLF isaan waamte hunda deemanii Uummatni Oromoo nagaan hidhanaa isaa hiikatee mootummaa kana jala aka buluuf mangudoo tahini maqaa hojii araaran sangoota Oromoo qalaa oluu. Yaroo uummata hidhanaa hiikachisanii rawwatan Mootummaan TPLF WBO akka kampii galshan isaan gaafate. WBO kampii galshuu qofaa miti warra galuu dide iyyuu ofi ajjeessan.
Waraanni TPLF campii hundatti marsee ajajoota WBO dhibaa lakkawamnii fi miseensota WBO kumaataman lakkawwn fixe. Gargartotaa ABO fi sabontota Oromoo akka hoolaa baka jiranitti qalaman. Kan kumaata kudhanii lakkawwan mana hidhaa Huursoo, Zway fi Dedeessa keesatti akka busaan dhuman tahe. Sab bootonni Oromoo qabeenyaa fi maatii isaanii dhaban lakkobsaa hin qaban.
Yaroo sana keessa warra kampii cabsee of irratti lola lubbuu baafatee keessaa, Mul’si Abbaa Gadaa, Galaasaa Dalboo, Dhugasaa Bakkakoo, Dawud Ibsaa fi Abba caalaa ijaarsi ABO akka tasa hin banneef sababa tahaniiru. Warra kana keessa Muli’si Abbaa Gadaa utuu dhukkubsatee jiru Moqadishoo keessatti TPLF dukaa bute ajjeessuu dandeessee jirti. Warra yaroo sana itti hojii gegeessituu ABO turan keessaa uummata isaanii wajjin dhaabbatanii gootummaan warri wareegaman:
1.Nadhii Gammadaa 6. Chaalaa Lenchoo
- Guutamaa Hawas 7. Boruu Dheerrsa
3, Bursoo Boruu 8. Wagarii Ayyana
- Ananoo fixxee 9. Milkeessaa Gadaa
- Nagasaa Kumsa 10. Gammachis Dhaaba
Balaan kun hunduu yaroo ilamaan Oromoo irra gahuu Lencoo Lataa fi Dimaa Nogoo bololi’aa deploomatii TPLF tahan karaa Bolee Xiyaaraan geggeefaman. Anan waan warri kun godhan na dhibaa hin jiru. Erga biyyaa bahanis ABO mucaa guddisaa godhatanii akka hin guddanneef funyoo mormati maranii gara barbaadanitti harkisu. Yaroo Jijjiramnii ABO keessaa bahu akka harka keessa qaban odeefamaa ture. Ijaarsa tokko keessatti walii galteen yoo hin jiraannnee gargar bahanii Saba ofii karaa namtti mijjawwee fi haalli kennetaa taheen qabsawwuun eebisamaa dha. Garuu waraana bal’aa fi gaaggama guddaa jalaa bahee gudhachaa jiru meeshaa dhiiga ilmaan Ormoon wargama guddan argame diinatti galshuun kan abbaramuu qabu dha. Meeshaa waraanaa fi waraanni ABO Luchoo Bukuraa TPLF if gashe har’a akka ilmaan Oromoo ajjeessaa jiru mamuu hin qabnu. Yaroo ODF ijjaranii Jijjirama diiganii miseensota amma tokko keessaa fudhatan. Dhiyyeenya kana immoo Ginbot 7 ijaarsa Habashaa kan kaayyoo hiree ofii ofiin mureefachuu illee hin fudhanne wajjin walii galtee godhanii jiru.
Diraaman amman kana Atlantaa irratti ilaalaa jiru kun immoo kan OPDO wajjin qindaa’ee injifannoo uummata Oromoo akka qorsa ganamaa ifaa jiru dhaamsuuf shira qophaa’e dha. Wal gahii kun akka odeessameef yoo tahe qabsoo uummatni Oromoo gochaa jiruuf hoogannaa fi Seera bulmaataa qopheessuu dha. Gocha isaanii kana keessatti waan baayyeetu wal laaqee fi wal mormaa jira. Egree uummata Oromoof seera bulmaataa baasuu dura : Ofuma isaaniif akka ijaarsatti ykn akka garee siyaasatti seera bulmaataa qabaachuu isaan barbaachisa. Lamaffaa: Egree uummata Oromoo dura bilisummaa uummata Oromootu dhufuu qaba. Bilisummaan uummataa dhufaa jiraa malee akka dhufaatiin isaa shafisuuf yaadas tahe dhima hin qaban. Qophiin isaanii bilisummaa uummatni Oromoo gonfachuuf deemu kana akka corofee itti utaalanii irraa butachuu dha. Abbaan qabsoo uummata Oromoo ti. Kan Seeras tumatu fi hoogannas filatus uummata Oromoo qofa. ”Lama nan suufan jettee”, jartiin qulubbii hatte. Dhumaatiin isaan yaroo lamaffaaf ummata Oromoo itti fidan harka maratnee taanyee isaan ilaaluun cubbuu guddaa dha. Uummata Oromoo irraas Anaa Dhufuu! eegachuu hin qaban.
Wal gahii Atlaantaa irratti waan lama adii tahee eenyumaa isaanii saaxila baase jira. Waan biyya ijaaruu qopheessuuf utuu deemanii inni duraa ABO abaruu fi xxiqqeessu tahee argame. ABO jiraachuu fi hin jiraannee kan beeku uummata Oromoo qofa. ABO sammuu fi laphee uummata Oromoo tahee akka jiru qabsoon uummatni Oromoo biyya keessaa agrsiisaa waan jiruuf keessa hin seenu. Diina uummata Oromoo kan tahe mootummaan TPLF guyyaa lama dura Oromoota 22 ABO jedhee mana seera isaa keessatti yakka itti muraa ture. Egypt, ABO wajjin wal tahe uummtni Orommo biyya keessaatti nu irratti kaasaa jira, jettee TPLF biyya lafatti iyyachaa jirti. Akkamiti warri Oromoof hooganna ijaaruuf deeman kun kana hundaa dhaga’uu dhaban? ABO dhaaba jiraataa waan taheef warra kana ofi irraa ni ittisa jedhee waanan yaaduuf keessa hin galu. Karaa biraa Uummatni Oromoo waggaa tokkoo ol Bahaa amma Dhihaa, Kabaa amma Kibaa akka nama tokkotti harka wal qabatee karaa qinda’een qabsoo wal irraa hin cinne gochaa diina yaroo jilbeefachiisaa jira aggarra. Ijifannoo kana hundaa kan galmeessuu danda’e dhiiga isaa akka bishaanii dhangalasaa, itti tumaa, itti waxxalamaa fi mana hidhaa keessatti ibidaa fi rasaasan gubachaa dha. Qabsoon uummata Oromoo Saboota Impaayera Itoopiyaa jiraniif akka fakkeenya guddaa tahee Mootummaa TPLF irratti kaasaa jiru diinni Oromoo duraa kan tahe iyyuu haaluu hin danda’u. Biyyi lafaa iyyuu raga bahaa jira. Warri kun yoo isaan keessa hin jiraane waan uummatni Oromoo godhuu akka gatii hin qabnetti fudhatu. Sababni isaanii inni guddaan warra Habashaa caalaa uummata Oromoo irraa tuffii waan qabaniif.
Maqaa isaaniin waan tokko akka hin ijaareef maqaan isaanii xuraa’aa akka tahe bareechanii beeku. Kanafuu akka odduun wal gahii sana keessaa miliqee bahetti Bekele Gerba hoogganna godhachuuf yaalliin ture jedhama. Karaa nagaa qabsoo gochuu yoo barbaadan OFC seeran galmaa ijaarsa jiru dha. Dura taaa’an isaa Dr. Marara Guddina jira. Maaliif isa jalatti hiriira gallan qabsawuu hin yaalle? Utuu Bekele Gerbaaf jaalala qabatan duraa akka inni bilisumaa argatu gochuu irratti gargaaruu hin qabanii? Kana malee yaroo diinni mana hidhaa keessatti isa gidirsuuf raga itti barbaadaa jiru maaliif maqaa isaa kaasuun barbaachisaa tahe? Bekelen utuu akkuma isaanii kana ayyaa ilaalatee jiraachuu barbaadee diaspora keessa tahee oduu buluqisuuf ayyaana argatee ture. Goota Oromoo tokko hoola warajoo godhachuuf abaluun sagalee guddan kan abaaramuu qabu dha. Kana malees qeerroo fi qarree Oromoo qabsoof guca tahanii of boba’anii uummataa isaanii ifa tahaa jiran bakka hin laatneef. Kana hundaa waltti qabnee yoo ilaallee eenyuuf akka dhaabatnii fi malummaan isaanii ifatti nuuf gala.
Gootni ganama gaafa haati isaa ciniisfatee isa deessu dhalata. Namni godansa jireenya isa keessattti goota tahu hin jiru. Guyyaan gootummaan isa itti ifa bahuu garuu ni dhufa. Kaan sodaa tokko malee uummataa isaaf aarsaa tahun wareegama. Kan akka Fayisaa Leelisaa immoo injifannoo dhufaa isaan itti dhafiqee , iiti dadhabe afaan kaawwachuu gahe dhiisee uummata isaaf dabarsa laata. Warri luqni kan kumni ishee yoo walitti cafaqamte gootni tokko keessaa hin baanee ijifannoo uummata afaan isaa irraa butachuuf wixxifattu arguun nama gadisiisa. Waan jedhanis nama walaashisiisa.
Kan baayyee na dhibaa fi naaf hin gallee namoota Lencoo fi Dimaa jala deemaa jirani dha. Warri isaan jala deemu kun sammuun isaanii hadoodee akka jiru gaaffii hin qabu. Warra akka Oromoo itti miti akka nama tokko itti iyyuu waan bu’aa fi ija qabu tokko hojjetanii hin beekane harkaa maal argachuuf jala deemu? Tarii ammos deebi’anii yoo galan waan argamu yoo jiraate nu darbuu danda’a jedhanii waan yaadahaniif fakkaata. Nyaachuuf jedhanii akka nyaatamuun jirus dagachuun bareedaa miti.
Lencoon TPLF wajjin hojjechuuf akka hawwii qabu dedeebbi’ee biyya seenee gaafatee jira. Kana booda akka dhima hin baafnee waan beektuu TPLF didaa turte. Tarii utuu warra wal gahii Atlantaa kana warra qopheesse jedhan kana akka Iziqeel Gabsaa fi Jawar Mohammed fudhatee deemee waan ar’amu hin fakkaatu. Maaliif yoo jedhamee TPLFif galshaa waan kennu qaba.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti
you deme boru? you must be a true messenger of woyane who is trying to dismantle the unity of oromo people. You have been collecting your rent in the name of oromo people for over four decades. now no single oromo hear your dirty propaganda.Afaaniin alba’uu fi hojiin mul’isuun gara gara dha. Dargagoon oromo yeroo dhuman essa jirta ati? lubun dabru kan kee waan hintaneef oromoon kumatamatis yoo du’e at tala teese dhuufu ke afuufta. Shut up your mouth bustard!!!!!