Lixa Wallaggaa Dambi Doolloo Keessatti Mootummaan Wayyaanee Erga Labsii Waraanaa Labasee Asitti Loltoonni Mootummaa Gabroomsaa Yakka Gudeeddiif,Ajjeechaa,Hidhaa Irratti Fuulleffatanii Jiran.

Sadaasa 2,2016

because-i-am-oromoUummati Oromoof Qe’een oromoo maal keessa jiraa?..kan jedhu yaaddoo guddaa keessa nama seensiseera.Magaalaaf baadiyyaan halkanio guyyaa dararamni dhala namaaf him malle irratti fudhataammaa jira.Akka addunyaan afuura keenya hin dhageenyeef internet nurraa muranii dhoksaatti nu miidhuuf tolee jira.Haalli Oromiyaa keessaa akka argaa jirrutti dararaa jaarraa keessa jirru kanatti rawwaatamee hin beeknedha.Loltoonni mootummaa Wayyaanee ganamaa galagala hojii taasisanii nama reebuuf ajjeesuu irratti fuulleffatanii jiru.Adeemsa amma jirruun kan itti fufamu taanaan sanyiin Oromoo daguugamuu yoo dadhabe haala akkaan daguuggaa keenyaaf daandii saaqu ta’aa jira.
Tibba kana Magaalaaf baadiyyaa Danbi Doolloo keessatti wantootni hawwaasa keenyarra gahaa jira sammuu namaa dhukkubsa Jiraataan Danbi Doolloo akka Sagalee Qeerroof gabaasanii jiranitti,Ganamaa galgala reebichaaf hidhaan dhaabbatee hin beeku.Abbaa manaa sansalataan hidhanii haadha manaa gudeeduu,Abbaaf Haadha sakaalanii ija isaanii duratti ijoollee waggaa 6 fi 7 irra hin caalle humnaan qabanii gudeeduu,shamarran argan kam irrattuu yakka gudeeddiin nu miidhaa jiru,Ajjeechaanis nurraa dhaabbatee hin beeku guyyaa guyyaan kan rasaasni isaanii galaafate hanga awwaluu irra gahaa jirra.Galgala galgala mana jala nu deddeemu,raadiyoon dhageeffatamu kan mootummaa yoo ta’een ala yakkoota suukanneessoo sanatu uummatarrra dhaaqaba.
Egereen keenya guddoo yaaddessituudha.Haalli taasifamaa jiru kun akkan akka kaanee lolluuf yoomuu booree jaabaa nuuf ta’aa jira.Taatus dararaan gaggeeffamaa jiru akkaan garmalee nu gaddisiisaa jiraa jechaa imimmaan haqataa gabaasan.Haalli kun Oromiyaa bakkeewwaan hedduutti fudhataamaa jiraachuus dhagaa’aa jirra.

Leave a comment