Waamich Dirmannaa Xumura Fincila Garbummaa fi
Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO!
Haala yeroo irratti MGS-ABO fi itti gaafatamaa Birkii Diplmasii biyya alaa J/Dr.Shigux Galataa, Miseensa hoggana WBO Zoonii Kibbaa fi J/Seenaa Dhugaa miseensa hoggana Qeerroo Bilisumaa irra ibsaa ni kennama. Akksumsas haala qabsoo kenyaa irraa jiruu fi egereen qabsoo keenyaa irraatti marii bal’aan ni taasifama.
Kutaa ABO Scandinavia (Iskandiinaviaya) Guuyyaa Yaadannoo FDG wagga 11ffa bara kana bifa addaan yaadachuuf karoorfatee jira. Haala qabatamaan biyya keessatti raawwatamaa jiruu fi sadarkaa qabsoo keenya irra jiru xiyyeefanna keessa galchuun; wareegama ilamaan Oromoo kaffalaa jiran galmaan ga’uun dirqama Oromoota hundaa ti.
Kanaaf Miseensonni, Deegartoonnii QBO fi Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabnu hundi gumaacha qabsoo nugaafatu keessa; addatti Tinnisa diingdee fi yaadaa gumaachuun yaadannoo guyyaa FDG bara kana akka kabajaan isni afeerra.
Akkasumsa Artistoonni Oromoo Kanneen akka Hirphaa Ganfuree, Tottobaa Taddasaa fi Dangaa Hayile- Iyessuus sirboota qabsoo fi warraaqsaan hirmaattota walga’ii kan bohaarsuuf qopha’anii jiru.
Oromoon hundi Wareegama Oromoonni qabsoo Abbaa biyyummaa fi Bilisummaa isaanii baasa jiran galamaan ga’uuf gumaacha qabsoon nugaafatu ba’uuf koottaa waliin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO bira waliin haa dhaabbannu!
IUO!
Kotaa ABO Scandinavia!