Baqattoonni Oromoo Biyya Ugaandaa keessa jiraatan, sirna kabajaa ayyaana irreechaa fi Lammiilee keenya Oromiyaa, Ona Bishooftuu Hora arsadeetti dhumaniif, akkasumas sirni Biyya Itoophiyaa bulchaan jira jedhu, labsii hatattamaa mirga umamaa ukkaamsuu Ummata isaanii irratti lbsamee mormuun, Onkololessa 16, 2016 Magaalaa kaampaalaatti sirna ayyaana irreechaa, gaddaa fi yaadannoo gaggeessaniiru.
Qophii Koreen Waldaa Baqattoota Oromoo Mooraa Kominiitii seentaritti qopheessee kan eegalamee, Hawaasi Oromoo kominiitii seentaritti ega wal argee booda, gara Malkaa irreeffannaa ykn bakka kabakaa lake jedhamutti argamuun sirna Irreeffanna yk waaqa galateeffachuun ture.Hawaasi oromoo Ugaandaa/kaampaalaa jiraatuus, uffata Aadaa uffachuun, AADAA BOONSAA OROMOON qabu Ummata magaalaatti mul’isaa sirna irreeffannaa gaggeessaniiru.oduu-ayyaana-irreechaa-2016-kaampaalaa