Onkoloolessa 16,2016/ Akkuma beekamu sochiin naannoo kibbaa jiru daran jabaa kan tahe mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan FXG Oromiyaa keessatti
egalee jiru deggeruun fincila itti fufanii jiru.
Magaala Arbaaminci Geedoon fincila itti fufuudhaan waraqaa garagaraa dhaadannoo bittimsaa jiru waraqaan bittimsan fuula kana irratti kan argamuudha. Akkasuma sochiin paartilee mormitootaa kanneen akka SINEG walaghii addeemsisaa jiruun ijoolleen oromoo miidhama guddaa keessa jiru waan taheef nuti ijoolleen sidaamaas boo’icha finncila ijoollee Oromoo bira dhaabbachuu qabna wayyaanee kana ofirraa arihuu qabna kanaaf sochiin keenya jabaatee itti fufuu akka qabu jechuun walgahii adeemsisaani jiru.
Kan malees Miseennif hoggantoonni paartii Madrek naannoo kibbaa hadiyyaatti argaman mare taasisaniin ,obboleessi pro. Beyene Pheexroos Bezabih Pheexiross haala inni irra jiru mootummaan akka uummata beeksisuuf sochii godhaa jiraachuun dhaga’ame. Dabalataanis Deengessuu daangaa irratti bara 2000 aanaa Miidaa jala kan tuurte soqqeen guraageef akka kaennamtu kan godhe mootummaa kana kanaaf amma deebihuu qaba jechuun sochiin fincilaa eegaleejira.
Naannoo Sidaamaa walumaa galatti sochii Qeerrroon Bilisummaa oromoo taasisaa jiru deggeruudhaan mootummaa wayyaanee sirna isaa ofirraa
barbadeessuuf sochii isaanii itt fufaniitu jiru.