Godina Arsii Aanaaleen Shan Bulchiinsa Wayyaanee Jalaa Bahuun Jaarsolii Biyyaan Bulaa Jiru.

4-must-go1Onkoloolessa 16,2016, Godina Arsii bahaa aanotni shan Aanaa Roobee Diida’aa Aanaa Balee gasgaar Aanaa Amiinyaa Aanaa suudee Aanaa Xannaa baadiyyaaf magaalaanis caasaa mootummaatin ala jaarsolii biyyaatin bulaa jiru Aanaa Roobee Magaalaa Roobee diida’aa keessatti namni maqaan isaa Saadiqoo Kiyaaroo Jedhamu manguddummaaf ummataaf mootummaa walitti araarsa jechuun ummataaf mootummaa jidduu deemee waan ummanni hin barbaanne dalaguurratti bobba’ee jira.

Aanuma kana keessatti basaastonniifi milishoonni ganda Jiddaa Roobee KAN Maqaan isaanii Baahmud Ahmad fi Bunee Amaan jedhaman FXG tibba kana naannawa sanatti godhamaa jirurratti ummanni meeshaa irraa hiikkatee ture. haata’u malee jarri kun ammas gocha isaanii itti fufuun waraana agaazii magaalaa keessaa yaasanii uf jalaan deemun dargaggoota guursisaa jiraachunis dhagayameera Daandii Adaamarraa Roobee Diida’aa deemu laggeen Roobe fi Moorxuxaa jedhamanitti riqichi isaa ummataan addaan citee tures akkasumatti jira Agaazii ilikopteran gadi fidaa jiru

1 thought on “Godina Arsii Aanaaleen Shan Bulchiinsa Wayyaanee Jalaa Bahuun Jaarsolii Biyyaan Bulaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (October) | OromianEconomist

Leave a comment