Dargaggoon Oromoo Hojii Qophee Qulqulleessuun bulu ,Ammoo Barreessaa Kitaabaa Asoosama “Uddeellaa” Jedhu barreesse bakka b’ue wallaalame

20160927015214Fulbaana 29,2016 Dargaggoon kun maqaan isaa guutuun Galataa baayyisaa jedhama.

Dhaloonni isaa godina Wallaggaa lixaa Gullusoo bakka jedhamtutti dhalatee guddate. Hojiinsaa idileen magaalaa Naqamtee keessaa kophee qulquleessee jireenya isaa nama ittiin of jiraachisuudha. Galataan kanaan duras kopheema qulqulleessuun Asoosama maqaan isaa ” UDDEELLAA ” Jedhamu barreessee nama uummata isaaf gumaache akka ta’e jiraattonni tokko tokko nuuf eeranii jiru.
Haata’uutii Dargaggoon Galataa Baayyisaa Gidduu kana Osoo magaalaa Naqamtee keessaa kophee qulqulleessaa jiruu bakka hojii isaatii deeninnatoota magaalaa Naqamtee keessa jiraniin  butamee achi buuteen isaa dhabamee jira. Yeroo qabamee deemes harki isaa sansalataan boodatti hodhamuun konkolaataa sireeffii jedhamu keessatti xaxamee hidhamuun magaalaa naqamtee keessaa butamee akka dhabame bira ga’amee jira.

1 thought on “Dargaggoon Oromoo Hojii Qophee Qulqulleessuun bulu ,Ammoo Barreessaa Kitaabaa Asoosama “Uddeellaa” Jedhu barreesse bakka b’ue wallaalame

  1. Pingback: Dargaggoon Oromoo Hojii Qophee Qulqulleessuun bulu ,Ammoo Barreessaa Kitaabaa Asoosama “Uddeellaa” Jedhu barreesse bakka b’ue wallaalame – OROMSIIS

Leave a comment