Fulbaana 27,2016 Finfinnee
Himatamtoonni Sabboontoti ilmaan Oromoo kudhan(10) ammas guyyaan beellamaa irratti gaafatame! Himatamtoonni kun hirira guddicha Fifinnee Hagayya 6 bara 2016 irratti kan qabamanii fi gidirsaa Awaash booda, namoota 45 ta’anii kan hambisaman yeroo ta’an,yeroo ammaa kana “hiriira dirqama mootummaa beeksisuu dhabuu” ba’an maqaa jedhuun himatamanii beellama isaanii irratti guyyaa kaleessaa jechuun Fulbaana 26/2016 dhiyaatanii turan. Himatamtoonni kun, gartuudhaan kan mana murtii Massaallamiyaa jedhamutti himatamanii fi baay’inaan saddet yeroo ta’an, mana murtiitti dhiyaatanii hojjettoonni mootummaa hojiirraa dhorkamanii jiranii fi karaa seeraa alaa daangeffaman mana murtichaa mana hidhaa fi to’annaa keessa turuu keenyaaf waraqaa raga nuuf barreessaa hojiitti akka deebinuuf” jedhanii yeroo gaafatan Abbaan Murtii Andargachoo Jimaa jedhamu, waraqaa kana isaanii barreessuf,akkasumas bilbila isaanii Komishiniin poolisii Finfinnee irraa saame ajajee deebisiisuuf illee homaa aangoo akka hin qabne dubbachuun gaaffii isaaniitiif wajjiricha poolisii Addis Katamaa akka gaafatan ajaje.
Himatamtoonni kun,qabeenyaa isaanii irraa saamame qarshii, uffataa fi kophee akkasumas bilbila isaaniitiif, Waajjira Poolisii Addis Katamaa yeroo gaafatanitti waajjirri poolisii sun “bilbillikoo naaf haa deebi’u jedheetii waraqaa iyyannoo galfadhu” jedhamuun qabenyaa isaanii galmaa’ee irraa fudhatame akka iyyataan fudhatan jechuun hojii qaanessaa akkasii waajjirri poolisii sun hattuu gurmeessee ilmaan Oromoo hachisiisuu irra darbee saalfii wallaaluu fi lammiileetti qoosuun isaa beekameera Himatamtoonni kun ammas gaafa 6/10/2016tti kan beellaman yeroo ta’u, himatamtoonni kun:-
- Dirribaa Koorsaa Maammaa…. B/saa
- Eebbisaa Bal’inaa Qana’aa…. B/saa
- Baay’isaa Magarsaa …. H/mootummaa
- Taagal Daaqaa Waggaarii …H/mootummaa
- Magarsaa Baqqalaa … H/dhuunfaa
- Yaadataa Biraanuu….. Gaazexeessaa
- Mo’iibuli Misgaanuu…. Barataa
- Joonsee Ayyaanaa …..Gaazexeessaa jedhamu.Hidhaafi ajjeechaan qabsoo Uummata Oromoo duubatti hin deebisu.