Magaalaa Naqamtee Keessatti Sirni Gaggeessaa Dargaggoo Ifaa Addisuu Kan Kaleessa Lubbuun Dabartee Haala Onnataan Xumurame

Fulbaana 26,2016

Dargaaggoo Ifaa Adisuu

Dargaaggoo Ifaa Adisuu

Dargaggoo Ifaa Addisuu badii tokkoon alatti qabsaa’ota Qeerroo Bilisummaa gidduutii ajjeechaa gara jabinaan qaamonni TPLF lubbuu kan baasan ta’ullee awwaalcha gootaa argatee jira.

Dargaggoo kun Nama umurii isaa keessatti Waayyaaneef buchulloota ishee hudhee qabaa ture yoo ta’u du’a gara jabinaatiin Jaallan waliin qabsaa’aa ture cinaa lubbuun darbullee;Awwaalchi Ifaa uummata kumaan lakkaahamuun kan gaggeeffame yoo ta’u,dhaadannoowwaan ciccimoof okkora jabaadhaan gaggeessan godhameefii jira.

Duuti dargaggoo kanaa uummata magaalaa Naqamtee hedduu kan aarsee finiinse yoo ta’u yeroo dhiyoo gidduutti gumaa Ifaa akkaa baafatan walii dhaadannoo isaanii har’aan ibsataniiru.

Kanuma sababeeffachuun humnoonnoonni mootummaa hidhannoo guutuudhaan magaalaattii keessa lakkoofsaan olitti kan deddeebi’aa oolan yoo ta’u,guutummaan magaalaa Naqamtee qaamota hidhannoo guutuun socho’aniin kirkiraa ooltee jirti.

Leave a comment