Fulbaana 18,2016 Godina Arsii keessatti Wayyaanen dargaggoonni ayyaana irreechaa irratti argamuuf akka hin yaanne jechuun maatii dargaggootaa doorsisu eegalee jira.

Fulbaana 18,2016 Godina Arsii keessatti Wayyaanen dargaggoonni ayyaana irreechaa irratti argamuuf akka hin yaanne jechuun maatii dargaggootaa doorsisuu eegaltee jirti.guyyaa har’aa fulbaana 17/2016 Magaalota akka Shaashamannee, Adaabbaa, Ajjee, Waabee, Nageellee, Seeruu, Dheeraa, Itayya, Hamdaa, Siree, Gobeessa fi kofaleen keessatti wal gahiin dhimma ayyaana irreechaa ilaallatu jechuun wayyaanen waamtee manguddoota doorsisaa oolte bakkoota heddutti manguddoonni dheekkamsaan ergamtoota wayyaanee salphisuun.erga yoomii as dargaggoota ayyaana irreechatiif jedhee galmeessuu eegale bakka ilmaan Oromoo itti wal gayanitti argamuuf galmeen maaf barbaachise.ummata oromoo ka lubbuun jiru dhiisaa ka ficcisiiftaniif waan yaadaa jirtan nutti himaa erga biyya bulchaa jirra jettan jechuun gaafilee ciccimoon Afaan qabsiisun addaan bayuun isaanii dhagayame.kuni kanaan osoo jiruu guyyoottan hafanittis maatii dargaggootaa doorsisuuf kaabinoota hanga gandoota baadiyyaatti bobbaasun isii dhagayamee jira.

Gama biraan  Magaalaa Naqamtee Halkan kana dirree Waraanaa fakkaatti naannoo Ganda 05 tti dhikaasni dhaga’amaa Jira, qaama hin beekamnen Agaazii haleelaa Jira

Leave a comment