Baarentuu Gadaa irraa
Oromoon bara Wayyaanees ta’ee, weerartoota, gabroonfattoota gita bittaa Habshaa kaanirraa mirga isaa humnaan irraa fudhatame qabsaawee deeffachuuf falmaa ture malee takkaahuu balabala isaanirra ijaajjee kadhatee hin beeku. Qabsoon waggoota 25n darbaniif keessumaa FXGn baatilee 9n darbaniif finiinaa turee fi jiru kanuma ragaa baha.
Wayyaanees ta’e gabroonfattoonni sana dura turan martuu weerartoota, gabroonfattoota,saamtoota,iddoo biraarraa Oromootti dhufaniidha,Koloneeffattoota.Kolooneeffataan ammoo aantummaa ummataa hin qabu. Hojiin isaa biyyaa fi nama kolaneeffate balleessuu qabeenya saamuudha. Wanti amma Oromiyaa keessatti ta’aa jirus kanuma. Wayyaaneen Oromoo fixaa turte, fixaas jirti; saamichis daangaa hin qabu. Hojiin isaanii marti aadaa, afaan, seenaa fi duudhaa Oromoo balleessanii, ilmaan Oromoo qaroo fi sabboontoota saba isaaniif dhaabbatan hidhanii, ajjeesanii fi biyyaa baqachiisanii biyya Oromoo dhuunfachuudha. Hojiin qabatamaan amma wayyaaneen itti jirtus kanuma.
Wayyaanees ta’e gabroonfattoonni sana dura turan martuu weerartoota, gabroonfattoota,saamtoota,iddoo biraarraa Oromootti dhufaniidha,Koloneeffattoota.Kolooneeffataan ammoo aantummaa ummataa hin qabu. Hojiin isaa biyyaa fi nama kolaneeffate balleessuu qabeenya saamuudha. Wanti amma Oromiyaa keessatti ta’aa jirus kanuma. Wayyaaneen Oromoo fixaa turte, fixaas jirti; saamichis daangaa hin qabu. Hojiin isaanii marti aadaa, afaan, seenaa fi duudhaa Oromoo balleessanii, ilmaan Oromoo qaroo fi sabboontoota saba isaaniif dhaabbatan hidhanii, ajjeesanii fi biyyaa baqachiisanii biyya Oromoo dhuunfachuudha. Hojiin qabatamaan amma wayyaaneen itti jirtus kanuma.
Weerartoota, Kolaneeffattoota akkasii ammoo akkuma biyyoota hedduu keessatti beekamu lolanii ofirraa ittiisuun bilisa of baasuu malee daandiin qaxxaamuraa kan biraa hin jiru; jiraatees hin beeku. Kan mirga hiree ofii ofiin murteeffachuun nama gahu qabsoo qofaadha.
Wayyaaneen tibba kana karaa ergamticha Maqaaf muummee ministrootaa jedhamu H/Dassaalenyin,karaa ministeera qonnamtii (communication minister) akkasumas karaa dabballoota ishii holola umrii dheereeffachuuf nafayyada jettu hololaa jirti.Murni weertuun gabroonfattuun tun akkuma waggoottan 25n darbaniif ummattoota impaayeera Itiyoophiyaa, keessumaa ummata Oromoo mirgauumamaan qabu sarbuun gabroomsaa turte fuunduraafis maqaa mirgoota akkasii fi akkanaa Oromoof kennina jedhuun bara bittaa fi saamichaa dheereeffachuuf shurshuraa jirti.
Wayyaaneen ummattoota biyyattii keessumaa ilmaan Oromoo mirga saba isaaniif falman hidhaa, ajjeesaa, biyyaa baqachiisaa yeroo tokkoo tokko ammoo mirga ummanni Oromoo uumamaa fi qabsoo isaatiin gonfate kan akka afaan,aadaa, seenaa fi duudhaa isaa anatu fidee ykn deebise jechuun akkuma lallabaa turte ammammoo wanti karaa dabballoota ishii odeessaa jirtu Afaan Oromoo afaan feederaalaa taasiisuu, Finfinnee keessatti mirga Afaan Oromoo dubbachuu dhugoomsuu, qonnaan bultoota naannawa Finfinnee jiran kan lafa isaaniirraa buqqa’aniif mana ijaaruu kan jedhuu dha.
Keessumaa ergamtichi maqaaf ministeera muummee jedhamu H/Dassaalanyi ennaa waltajjiitti bahee waan jedhi jedhaniin buufu akka dhuma Fulbaanaa bara 2016 irraa eegalee yeroo paarlaamaan hojii jalqabutti jijjirama bu’uuraa fiduu fi abbootii aangoo muuduu fi hariyuu ykn akka IHADG jijjirama guddaa of haaromsuu gaggeessu dubbateera. Ykn hololeera. Ministeerri kominikeeshinii Tigricha Getaachoo Raddaatiin hogganamus kanuma irra deddeebi’ee afarsaa jira.Akkuma eenyuufuu ifa ta’uu danda’utti hololii kun ammoo holola Oromoo qabsoorra jiru fayyaduuf uumame osoo hin ta’iin, holola qabsoo Oromoo gufachiisuuf, warraaqsa finiinaa jiru dhaabuun umrii sirnichaa dheereessuuf hololame, holola damma fakkaatee summiin keessa awwaalameedha. Summii dammaan makaa akkuma jedhamu sani.
Hololii karaa ergamticha H/Dassaalanysi haa ta’u karaa jaleewwan isaaniitiin gaggeeffamu kun dhugaa dubbachuuf holola waan haaraa of keessaa qabuu miti. Gabaabumatti hololli Wayyaanootaa sirba moofaa kaasseta ykn siidii haaraatti waraabuun tokko jechuutu danda’ama.
Holollii “Afaan Oromoo afaan feederaalaat goona, warra naannawa Finfinneeetii buqa’aniif beenyaa kaffalla ykn mana ijaarra jedhamu kun holola umrii bittaa fi saamichaa dheereffachuuf qophaaweedha.
Hololumti kun holola dhugaati,dhugumaaanuu wayyaaneen Afaan Oromoo afaan feederaalaa goote, qonnaan bultoota Oromoo naannawa Finfinnee jiraniif kondoominiyeemii ijaarte osoo jedhamee as keessa wanti haaraan gaafii Oromootiin wal qabatu maaltu jira. Oromoon kan jechaa jiru, kan qabsoo walirraa hin cinne finiinsaa jiru hiree isaa ofiin murteeffachuufi, ummanni hiree isaa ofiin murteeffate ykn murteeffatu ammoo gaafiin afaanii, gaafiin qonnaan bulaas haa ta’u dhimmoonni biroon achi keessatti deebii akka argatu ni beeka. Dhugaan jirus kanuma.
Namoonni tarii waan wayyaaneen holotu kun akka waan jijjiramni addaa dhufeetti fudhatan yoo jiraataniif dursa kan of gaafachuu qaban Wayyaaneen eenyu,..? waan maal taateef wayyaaneen hiree ummata Oromoo ishiin murteessit, ykn mirgoota uumamaa fi dimookiraasii isaa qunxurtee.. qunxurtee har’a kana.. boru san isinii deebise ykn isiniif deebisuufan jira jetti..? eenyutu Wayyaanee murna weerartuu Tigraayirraa dhuftee, humnaan biyya Oromoo qabattee saamaa jirtu qoodduu mirgoota sabootaa, keessumaa kan Oromoo ishii taasiise..?
Afaan Oromoo wayyaaneetu qabsaaweeUmmata Oroomoof fidee…? Manni qonnaan bultoota Oromoo naannawa Finfinnee jiraniif nan ijaara yeroo jettu, duraan maaf diigde? Ilmaan Oromoo Kanneen qayee keenyarraa hin buqqaanu jechuun wareegaman hoo ….. dhiigni isaanii dhiiga saree abbaa hin qabneeti…?
Kanneen dhiittaa mirgaa sirna kanaa baqatanii galaanaaf gammoojjitti dhumaniif hoo eenyu itti haa gafaatama…? Keessumaa Ilmaan Oromoo baatilee 9n darban keessatti qofa Aga’aaziidhaan ajjeefaman kanneen 1000 olitti tilmaamanii fi kumoota kurnootaan mana hidhaatti mankaraaraniif eenyu kan itti gaafatamu… moo Afaan Oromoo Shaggar keessatti dubbachuun gumaan isaanii awwaalamee hafa..? Gaafileen kunneen gaafii akka qoosaatti bira taramuu miti. Maaliif jennaan Oromoon qabsoo walii gala isa bilisoomsuuf qabsaawaa, du’aa dararamaa jira malee gafilee amma wayyaaneen deebii itti kennuufan jira jettee hololtu kana qofaafii miti. Kun waan hin fakkaanneedha; of gowwoosmuudhasi, ammaan achi amma gaafiin mirga abbaa biyyummaa ummanni Oromoo irratti wareegamaa jiru galma gahutti sobaa fi sossobbaa xixiqqoon wanti bira taramu hin jiru. Wayyaanees aangoorra hin bubbulchu.
Hololuun, ummata Oromoo sobuu fi soossobuuf yaaluun kun gadhummaa sirnichaa, dhiphuu hamaa keessa seenuu TPLF caalaatti argiisiisuu caalaa furmaata waaraa hin ta’u. Oromoon kanaan sobamuu fi sossobamus hin jiru. Qabsaawaan Oromoo kamuus kan hubachuu qabu afaan, duudhaa, seenaa fi eenymmaa Oromoo akkasumas abbaan biyyummaa qonnaan bultoota naannawa Finfinnees ta’e gutuu Oromiyaa kan deebii argatu gaafa Wayyaanee gabroonfattuu fi saamtuun Tigraayirraa dhufte gateettii ummata Oromoorraa buuteedha. Kan irratti xiyyeeffachuu qabamus suphaa fakkeessii, holola sobaa saamtuu fi weertuun gaggeeffamu osoo hin ta’iin, qabsoo keenya finiinaa jiruurratti.
Qabsoo keenya finiinsinee itti fufnaan gaafii maraafuuu deebii waaraa, furmaati xumuraa ni argama. Kanaafuu qabsoo keenya FXG eegalle haa finiinsinuun dhaamsa ijoo fi fardiidha!.