Guyyaa har’aa kana Fulbaana 13,2013 Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee keessatti dukkaanni(Suuqiin) Sabboontota Oromoo gabaa lagatanii turanii Milishoota Wayyaaneen gutummaan cufamaa jira.
Buufata konkolaataa magaalaa Naqamtees ganama irraa kaasee guutumm
aatti cufamee jira.
Taaksiin magaalaa Naqamtee keessa jiranii fi baajaajjonnis diddaa mootummaa garboonfataa Naqamteef qaban ganama irraa kaasuudhaan akkuma itti fufanitti jiru.
Milishooti Wayyaanee ammoo Suuqiilee diddaa gabaa lagachuuf cufaa turan adabuuf jecha irra deemaanii cufaa jiru.
Gama biraan Goototi Barsiisoti Oromoo Aanaa Ginde Beret akka aadaa isaanii gootummaa hojjetan.
Har’aa Fulbaana 13,2016 Barsiisota Aanaa Gindebert mana barnootaa qopha’inaa fi sadarkaa 2ffaa dirqisiisuun walitti qabanii leejii isinii laanna jechuun dabballoonni TPLF siyaasa isaanii osoo hin dubbatiin duratti gootonni barsiisonni Oromoo itti iyyuun isin ummata Oromoo bakka bu’uu hin dandeessan dhaabi keenya ABO dha isin nu hin bulchitan jechuun itti iyyuun qaanessaa jiru.
