Godina Lixa Shaggar Gidduugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoritti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaatee Itti Fufe.

Fulbaana 13,2016 Godina Lixa Shaggar Gidduugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoritti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabaachuun itti fufe. Mogoor  keessatti

1. Sababa sochii duulaa gabaa lagachuu fı uggura dinagdee buusuu torbee tokkoof gaggeeffameen manneen daldalaa fi suuqiiwwaan cufamanii turan banamaa yeroo jirachuun walqabatee waraanni Agaazii Uummata irratti reebicha hamaa gaggeessuun jumlaan mana hidhaatti guuraa jira.

2. Hoojjettootni  Warshaa Simintoo DANGOTE hojii guutummaatti dhaabuun diddaa isaanii kan itti fufani jiran yoo ta’uu qondaalotni wayyaanee aangawootni warshichaa fi abbaa qabenyummaa isaa waayila wayyaanee lammii Naajeeriyaa kan ta’ee kasaaraa guddaaf saaxilamee waan jiruuf warshicha banuuf illee fedhii kan hin qabnee ta’uu argisiisee jira Yeroo ammaa kana hojjattootni warshichaa guutummaan mooraa warshichaa keessa dhaabbatanii argamu. Qeerroon Mogoor qindeessıtootnı sochii warraaqsaa FXG’n keenyaa roga hundan hanga wayyaaneen Oromiyaa gadhiiftee baatutti itti fufa jechuun dhaamsa dabarsan!!

1 thought on “Godina Lixa Shaggar Gidduugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoritti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaatee Itti Fufe.

Leave a comment