Fulbaana 12,2016 Guyyaa har’aakana Qeerroon magaalota oromiyaarraa FXG itti fufuun oole. Akka biyyaatti guyyaan bara haaraa kn guyyaa kabajaa ture garuu Oromiyaan guyyaa gaddaan kan oolte FXG finiinsuu fi ummanni Oromoo waan hundarraa dhaabee qabsootti seenee beelaa fi dheebuu osoo hin jenne kan itti fufee jiru yoommuu tahu kanneen jalee wayyaanee fi diinonni uummata Oromoo hojii dhhuunfaa isaaniif Oromiya keessa konkolaataa isaanii sochoosanii fi konkolaataan geejjibni mootummaas Oromiyaa keessa deddeebihu hundi tarkaanfii Qeerroon guyyaa har’aa bakka hedduutti hojiin ala tahe jira.
Akka odeessa Qeerroo godinoota oromiyaarraa addeessutti torban kun torban uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee waliin wal’aansoo isaa
jabeessee gara Bilisummaatti cehuf tarkaanfii eegaleedha. Torbee kana keessa sababa kanatti konkolaataan Wayyaanee fe’iinsa ykn tajaajila kennuu irratti argaman Amboo gada Awwaarootti konkolaataa fe’iinsaa 2,irratti tarkanfiin jabaan irratti fudhatameera. Akkasuma Arsii lixaa konkolaataan deddeebisaa uummataa kan diinaa tahes 5 hojiidhaan ala tahee jira. ummanni Oromoo ammas tarkaanfii itti aanutti Qeerroodhaan durfamee qajeelfamni itti kannemudhaan tarkaanfii isaa itti fufeetu jira.
Akkasuma tarkaanfii garagaraa uummanni oromoo fudhatu keessatti magaala shaashimannetti isin ABO fi WBO dha jedhamanii ijoolleen 30 humna wayyaanee agaaziittiin butamanii bakka buuteen isaanii kaleessa dhabamaniiru. Akkasuma kofalettis ilmaan Oromoo qabsoo irratti humnaa fi qabeenyaa isaaniin halkanii guyyaa itti jiran 12 eessa buuteen isaanii dhabamee jira.
Godina addaa Oromiyaa magaalaa sulultaa keessatti barreeffamni ” qabsoo eegallee jirru irra aanuuf duula diinagdee irratti diddaa uumuuf sochiin baadiyyaa irraa gara magaalaatti tahuun midhaan akka gurgurtaaf hin dhiyaanne gochuuf xoophiyaan kamuu gaheesaa akka bahu dhaamsa dabarsina” barraaffamni jedhu Qeerroodhan raabsamee jira. haaluma kanaan torbanoota muraasa booda dhiyeessin midhanii Oromiyarraa gara Finfinnee galu guutummaatti citee mirkanaa’uu akka qabu Qeerroon waamicha dabarsee jira.