Waraqaan kun uummanni magaalaa Naqamtee fi naannoo ishees Ficila Xumura Gabrummaa FXG akka finiinsaniif waraqaan waamichaa godhameefii jira.
Barruulleen warraaksaa dhimma hidhamtoota mana hidhaa Qilinxoo iirrattis haalaan guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa facaafamaa bulee jira.
Kanneen keessaa:
– Hidhamtoonni balaa abiddaa qilinxootin du’an uummatatti haa mullifaman.
-Hidhamtoonni rasaasa Wayyaanneetiin boqotan uummatatti haa agarsiifaman.
-Biyya isaa irratti abbaan biyyummaa Oromoo haa kabajamu.
-Abbaan biyyaa Oromoodha.
-OPDOn farra qabsoo bilisummaa Oromooti.
-OPDOn diina uummata oromooti jechuudhaan ,dhaadannoolleen kunneen facaafamaa bulanii jiru.
Mootummaan Wayyaanees naasuu keessa seenuun uummata nagaa karaa irra deeman tumanii manatti olseensisaa jiru.
Uummanni magaalaa Naqamtees guyyaa keessaa naannoo sa:a 11 iirraa kaasuun guutummaan guutuutti suuqii cufuun ,taaksiin akkasumas konkolaataan kam iyyuu karaarra akka hin deemneef walii galteedhaan murteessuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mullisanii jiru.
Mootummaan gabroonffataan Wayyaanees kirkirffannaa keessa seenuun uummata magaalaa Naqamtee namni tokko suuqiis ta’u kaaffeen,manni nyaataa akka hin cufne jechuun doirsisaa jira.




Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (September) | OromianEconomist