Haala Yeroo fi Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Hagayya 20,2016
Qeerroon Bilisiummaa Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Akka waliigalaatti bifa jaarmiyaalee qabsoo bilisummaa hundaa hirmaachiisee fi beektoota Oromoo fi uummata Oromoo dammaqsuun dirmachiiseen Ebla 11/2014 irraa eegaluun Sochii Warraaqsaa biyyooleessa Oromiyaa FDG irraa hamma FXG bifa qindaa’ee fi ammayyoomeen Qeerroon Bilisiummaa Oromoo finiinsuu nan eegale. Sadaasa 12/2015 torbaan tokko keessatti guutummaa Oromiyaa dhuunfachuun uummatni Oromoo haala kamiin osoo hin daandgeefamiin bilisummaa isaa fi Walabummaa Oromiyaaf falmachuun Wareegama qaalii baasuun lubbuun ilmaan Oromoo 850 olii Wareegamuun , kumoota kudhanootaan rasaasaa agaazii Wayyaaneen Kan madeeffamanii fi kumoota dhibbootaan kanneen lakkaa’aaman jumlaan ukkaanfamuun baadii tokko malee Oromummaa yakkamuun kan hidhaaman yoo ta’uu; Qabsoon Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG utuu takkaa addan hin citiin marsaa 8ffaaf itti fufinsaan gaggeeffamuun teessoo mootummmaa abbaa irree raasuu irraa darbee akka sirnatti sirna federaaliziimii fi dimookiraasiin wayyaaneen ganna 25 oliif ittin Addunyaa sobaa turte ifatti kan saaxileefi buulchiinsaa sobaa maqaa OPDOn dahachuun waggaa 25 oliif uummata gowwumsaa turan diiguun Wayyaaneen bulchiinsa Oromiyaa zoonii waraanaa 8 jala galchuun sadarkaa waraanaan bulchutti kan jijjirrate yoo ta’uu; OPDOf uummanni Oromoo wal irraa gargar bahuu kan danda’ee jiruu fi sochiin kun seenaa Qabsoo Bilisiummaa Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa kan baneefii saboota cunqurfamoo biyyatti irraa illee dirmannaa argachuu fi fakkeenyummaa garii “Akka qabsoo Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXG” (like Oromoo Protest ) jechuun mirga isaaniif falmachuuf kanneen Wayyaanee jala dhaabbachuu eegalaan jiraachuun beekamadha. AKKASUMAS kanneen Wayyaanee kufaatii jala geessee waan jirtuuf qooddannaa bu’aa Sochii warraaqsaa kanaatti of waamuu fi bu’aa battalaaf fiigaa jiraan illee jiraachuu Qeerroo Bilisiummaa Oromoo hubachuun warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa daran jabeessuun abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOtti xummura gochuun bilisummaa keenyaa gonfachuuf haala qabsoo bilisummaa Oromoo Warraaqsaa FXG fi haalaa biyyattiin keessa jirtu ilaalchisuun ibsa Gabaabaa itti aanuu kana uummata Oromoo hundaafi jaarmiyaalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi beektoota activistoota Oromoo hundaaf dabarsee jira.
- Uummatni Oromoo gabrummaa of irraa fonqolcheee xummura gochuuf wayitaa mootummaan abbaa irree Wayyaanee dhukaasee daa’ima, manguddoofi dubartii ulfaaf illee haala garaa laafina tokko hin argisiifneen yakka waraanaa uummata Oromoo irratti rawwachuun ajjeechaa duguuginsa sanyii rawwachaa jiruu kanatti uummatni Oromoo diinaa isaa fuldura harka qullaa dhaabbachuun Wareegama qaalii gaaga’ama lubbuu isaarra ga’aa jiru fudhachuu dhiisee waan qabuu fi danda’uu hundaan diina isaa of irraa ittisaa fi adaba itti godhaa falmaa keenya daran jabeessuun akka itti fufnu dhaammanna!
- Sochii keenyaa karaa nagaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa, Bilisiummaa uummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa hanga kabachiifnuu fi bilisummaa gonfannutti takkaa akeekaa tokkicha saba tokkicha, alaabaa tokkichaafi biyya tokkichaa gidduu galeessa godhate irraa uummatni Oromoo sadarkaa hambii iyyuu sochii isaa dinqisiifataa jiruutti akeekaa keenyaa irraa Kan hin maqne ta’uufi dhimmi Bilisiummaa keenya gonfachuuf waayilaa seenaafi rakkoo fakkaataa Oromoo Kan hin qabnee michoomfannuuf akka hin jirree gadi jabeessuun wal hubachiifna!!
- Tarsiimoon Sochii warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXG adeemsii daandii konkolaataa cufuu, daandii kutuu, , waajjiraalee mootummaa abbaa irree sadarkaa sadarkaan jiruu barbadeessuu, manneen hidhaa biyyatti cabsuun hidhamtoota hiiksifachuu fi duula gabaa lagachuufi kanfaltii taskii gibraafi buusii garaagaraa kanfaluu dhiisuun dinagdee diinaa gogsuu daran jabaachuun itti fufuu qabu!!
- Beektootni Oromoo qaamaan ummata Oromoo irraa fagaattanii argamtan hundi Sochii warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXG Oromiyaa keessatti qabsiifamee ji’oota 8 oliif gaggeeffamaa jiruu sadarkaa Qabsoon bilisummaa Oromoo irra gahee jiruu fi tarkaanfii diinni uummata keenya irratti qiyyaafachuun dhukaasee ajjeesaa jiru utuu argitan deggersi sochii kanaaf gootan dacha dacha akka ta’u dhaammanna.
- Jaarmiyaaleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo hundi garaagarummaa yaadaa dhaabuun dadhabuu fi tokkummaa biyya keessatti dhiigaa fi lafee uummataan ijaarameef kabajaa fi jaalalaa hin qabneenneen kanneen sochootan bakkuma jirtanitti dhaabbachuun of ilaaluun gara tokkummaa jaarmiyaa jabeeffatuun humna mootummaa abbaa irree angoorraa qaarisuuf harka walqabachuun tokkummaa sadadarkaa a, dinagdee fi hawaasummaa jabeeffachuun Wayyaanee angoorraa irraa qaarisuuf akka hojjettan waamicha keenya dabarsina!!
- Ilmaan Oromoo Ogummaa qabdaniin hojjettoota mootummaa abbaa irree taatan addaatti immoo hojjettootni civil service, hojjettootni waajjira qonnaa, hojjettootni waajjiira barnootaa, hojjettootni waajjiraa ispoortii fi dargaggootaa, hojjettootni waajjira geejjibaafi daldalaa fi kkkf bakkuma jirtanitti diina uummata irraa dhalattaniif naatoo tokko illee dhabee uummata Oromoo fixaa jiru waliin akka hin hojjenne, karooraafi tarsiimoo mootummaa abbaa irree isinitti kennamu irratti hojjechuun lamshessuun sirna nama nyaataa garagalchuu irrattii hojjechuun aantummaa saba keessanii akka argisiiftan waamichaa lammii isinif dabarsina!!
- Ilmaan Oromoo waraanaa Wayyaanee sadarkaa garaagaraa keessatti argamtan keessattuu polisii, milishaa, Kora bittinneessaa, fi, waraana ittisa raayyaa biyyaa keessatti argamtan bakka jirtan hundatti of qindeessuun Waraana Bilisummaa Oromoottii fi ummata Oromootti harka akka kennattanii fi malmaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee irratti akka jabaattan waamicha keenya isinii dabarsina.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Hagayyaa 20/2016.
Finifnnee Oromiyaa

Pingback: Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname. » OROMIAPRESS