SEENAA Y.G (2005)
Ameerikaan, Ummati ammi kun miidhamuu ijaan osoo argituu maaliif wayyaanee gargaartii? kan jedhu gaaffii namoota hedduuti. Ameerikaan dantaa ishee irraa kaatee waa tokko akka murteessitu kan hubatus danuudha. Dantaa kana irraa ka’uun, wayyaanee irraan dhibbaa tokkollee akka hin geesifnee wayyaaneenu bareechitee beekti. Kanaaf hammeenyi ishee daangaa dhabee, dhiigni ilmaan cunqurfamoo akka bishaanii dhangala’uu taasifama. Ameerikaan dantaa ishee naannichatti gama hunaan eegisiisuuf jecha, wayyaanee irra harka qabuun waan haqaati. Bara 1991 yeroo wayyaaneen Ameerikaa fi Ingilizii waliin mari’attu, Dolaara tokko Birri shan akka galchituu fi waggaa 20tti , Dolaara tokko birrii 20 akka geesiftuu waadaa seenuu warra keessa beekuutu dubbata. kanaaf karaa boroo ABO wal ga’iin ala godhan . Wayyaaneen Ameerikaa irraa waatokko wayita barbaaddu ykn akka itti hin dubbannee yennaa feetu, warra chaayinaa waliin waliigaltee adda addaa mallatteessitee midiyaan torban tokko guutuu odeessiti. Yeroo kana Ameerikaan rifattee harka gargaarsaa hiixattiif. Kun tapha wayyaaneeti. YKN dippilomaatoota Chaayinaa fi Raashiyaa simachuun Ameerikaa doorsifti. Kun shiroota wayyaanee lakkofsa hin qabnee keessaa isa xiqqoodha. Chaayinaan yeroo dorsiftu akkasuma. HAMMEENYI-CHAAYINAA-FI-RIMMAA-TOKKUMA–