TOKKUMMAAN HUMNA !!!! HUMNA TOKKUMMAA !!!!

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  2ffaa

Barreessaa dhugaa baasa!Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa ummata keenyaa hawwinee yeroo onneen nu dhikkifattuu, yeroo bilisummaa warra kaanii ilaallee, hinaaffaan guggubannuu, wayita miidhaa Ummata keenya irra ga’aa jiru ilaallee garaachaa ciincofnuu,,,waan biraas yeroo of irratti uumnuu, gaaffii of gaafachuu qabnuutu jira. Ani maalan gumaachee ? isa jedhu. yoo qabxii kana irratti deebii quubsaa kennitan, rakkoo waan jettan guutummaatti hiiktu. Gubachuun hafee qabbanooftu. Yoo ta’uu baatee garuu waan jiru miti isa hin jirrellee dhabamsiisuuf ifaajjitu. Hanguma qabsoon yeroo fudhataa deemu ammoo, siyaasi addunyaa fi gabroomsaa akkasuma jabaataa, gaaffii keenya irratti gaaffii biraa kaasisaa fi dantaan humnoota adda addaa dabalamaa deemuu irraa, haala wal xaxaa seenuun waan hin hafnee. Yeroo qabsoo komannu, jajjaboo keenya, qabsaa’oota cichanii jiranitti, qeerrootti quba qabnuu, jalaqaba ani maal keessan jiraa ?TOKKUMMAAN HUMNA ……….HUMNA TOKKUMMAA !!!!! kutaa 2ffaa

Leave a comment