Gootota Awadaay Adoolessa 31,2016
Mootummaan Wayyaane gaaffii uummata kara nagaatiin gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessaa jiruuf dirree waraanaa gochuun uummmatarratti dhukaasni wal irraa hincinne banamee jria. Godina Harargee fi Arsii lixaatti baatii 8f kan wal irraa hin cinneen itti fufee jiru Kaleessa Adoolessa 30 fi 31 FXG itti fufuu irraan dhukaasni guddaan uummata irratti banamee jiraatuun Qeerroon kan gabaasu yoommuu tahu har’s itti fufuudhaan namootni 26 ol kan rukutamanii fi namootni 7 ol ajjeefamuun kan gabaafame yoommuu tahu ummanni dhukaasa meeshaaf osoo booda hin deebihin FXG itti fufanii mirga isaanii falmachaa jira.
Halkan kanas FXG godina Harargee lixaattis itti fufuudhan wal qabatee akkasuma naannoo Arsiiittis uummanni FXG itti fufuudhaan waajjiraleen OPDO fi Manneen jireenya kaabinoota hedduus gubataa akka jiru gabaafamee jira.
Halkan kana aanaa Awwaaddaayi dirree waraanaa tahuudhaan humni waraana agaazii jedhamu sun weeraree jira. Dhaadannoon uummataa ammas itti fuduudhaan
Oromiyaa qabsoo keenyaan bilisa ni baasna
Ajjeefamnus haga dhunmutti mirga keenyaaf falmachuu hin dhiisnu
FXG hanga bilisummaatti deebii hin qab
Gumaa ajjefamanii ni baasna
Dhiigni dhangala’e bilisummaa mirkaneessa
Oromia shall be free
Jechuun halkan sa’a 3 kaasuun FXG itti fufuun uummanni bahee godina Harargee bahaa ona Awwaadayitti jabaatee jira. Injifannoo gurguddaanis galmaawaa jira.
Pingback: Gootonni Godina Harargee,Arsiitti fi Naannoo Oromiyaa Kaan FXG Itti Fufuudhaan ABOtu Nu Bulcha Jechaa Dhadachaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. — QEERROO | Fighting for Freedom and Equality
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist