Duulli Hammeenyaa Ummata Oromoo Irratti Jabeeffamaa Jiru, Xumurri Sirna Bittaa Alagaa Dhiyaachuu Mirkaneessa!

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

asxaa_oromoQabsoon Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa, Bilisummaa fi Walabummaa isaatiif gaggeessaa jiru gulantaa murteessaa irra gahuu, haalli Oromiyaa keessaa sirriitti agarsiisa. Sochiin warraaqsaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru gootummaa, bilchina jaarmayaa fi tooftaan akkasumas Impaayerattii keessattis tahe naannawa Gaanfa Afrikaatti fakkeenya murteessaa tahuu ummata Oromoo dirreetti baasee agarsiiseera. Keessumaa dhaloonni haaraan Gabrummaan Nu irratti Xumura Argachuu Qaba jechuun gootummaa fi murannoon bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf muxannoo qabsoo fi jaarmayaa hunda sochoosaa agarsiisaa jiran lammiif abdii, mootummaa gabroomfataaf ammoo naasuu akka malee itti ta’e.

Wayta ammaa kana goleen Oromiyaa fincilaa fi mormii hin keessummeessine hin jiru jechuun ni danda’ama. Magaalotaa fi baadiyyaalee Oromiyaa keessaa sagalee fedhii bilisummaa fi mormii gabrummaatu dhaga’ama. Alaabaa ABO waggoottan kudhanoota dabran goototni kumaatamni hedduun irratti wareegamanii asiin gahan tan faajjii bilisummaa taate qabatanii hiriira bahuu fi bakkoota addaa addaatti fannisanii balaliisuun, alaabaa Impaayerattii mallattoo gabrummaa taate irra ol kaasanii aduun gabroomsaa dhihuu, bilisummaan Oromoo dhiyaatuu labsaa jiru. Walumaagalatti warraaqsa gabrummaatti xumura gochuu akeekkatetu wareegama ilmaan oromoo qaqqaaliidhaan guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.Ibsa ABO Adoolessa 29 2016

1 thought on “Duulli Hammeenyaa Ummata Oromoo Irratti Jabeeffamaa Jiru, Xumurri Sirna Bittaa Alagaa Dhiyaachuu Mirkaneessa!

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist

Leave a comment