Harargee Lixaa aanaa Massalaa ganda Coomaa keessatti Qeerroo godinichaa FXG itti wareegamuudhaan cichoominaan baatii sadii ol walitti fufsiisanii olaantummaa dhaabaa diina hubachiisuun diina dura dhaabbata har’a gahaniin kana booda oromiyaa bilisa baasuun gaaffii abbaa biyyummaa keenya mirkaneessuu qabna jechuun har’a Adoolessa 22 guutummaan Qeerroo ona Masalaa irraa walitti dhufee dhaadannoo dhageesisaa ooleera.
FXG Harargeetti gaggeeffamaa jirutti mootummaan wayyaanee kan sodaa keessa seene lubbuu hedduun godinicha keessatti wareegame lakkoofsaan akka godinaalee oromiyaatti olaanaa kan tahee fi kunis uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gara FXG jabeessuudhaan itti fufsiisanii jiraatuun gabaafamee jira. FXG godina Harargee keessatti haga galii isaa fi bilisummaan uummata Oromoo mirkanii taatutti qabsoo jabeessuuf FXG fiixaan baasuuf Qeerroon Harargee lixaa walitti dhufee ibruu isaa har’as haareffachuu gabaafame.
Godinni shawaa lixaa yeroo ammaa Bilisummaa gonfattee jirti jechuun nama hin shakkisiisu. Bakkeewwan adda addaatti Alaabaan Keenya(ABO) fannifamee sirnan jiraataa jira. Qeerroon bulchiinsa uummata keessatti dhaabuun ofiin of bulchuu mirkaneessaa jira. Ergamtooti Wayyaanee bakka namni wal bira hin jirree fi nama qobaa deemu butuun miidhaa jirti. Bulchiinsi Wayyaanee oromiyaa keessaa guutummaatti diigamee baduuf jirtutti FXG jabaatuun Qeerroon gabaase.