Adoolessa 21,2016/ Qeerrooo Qellem, Anfilloorraa Barattootni bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattootni qormaata dhumaa sababeeffachuun nagaa walitti dhaamuu kan jedhuu fi yaadannoof jecha walitti dhufanii osoo jiranii barattootni 20 humna waraana wayyaaneetiin dhiira 8 fi dhalaa 20 kan tahan ukkaamfamanii jiru. Isin ABOdha FXG qindeessuuf walitti dhuftan jechuun barattootni kunneen ukkaamfamuun Qeerroon gabaasee jira.
Liistiiwwan ijoollee kanaa akka nu gaheen qilleensarra oolchina. Uummanni magaalicha barattootni keenya bakka itti hidhamanii nuuf haa deebihan jechun FXG kaasuun dhaga’ame. Walgahiin Wayyaanee sababa kanaaf magaalicha fi gandoota hedduu aanicha keessatti feshelataa
jiraatuun gabaafameera.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist