Adoolessa 21,2016 ,Fincilli Xumura Garbummaa Magaalaa Qassoo jedhamtu keessatti itti fufe. Ka’umsi fincilicha poolisooti hawaasa nagaa gabaa tti daldalachuuuf ba’e reebuu fi cunqursuutti erga ka’anii oolee kan bubbule yeroo ta’u , fincila kanarraa kan ka’e qeerroo fi hawaasi magaalaa poolisoota lama Taammiruu fi Gulummaa kan jedhaman irratti tarkaanfii fudhateen, poolisootni kun gara hospitalatti fudhatamaniiru!
Yeroo ammaa kana humni waraanaa magaala Kanatti bobbaafamuun hawaasaa barbaadan saamaa gidirsaa akka jiranis beekameera Fincila Kanaafis Qeerroon bakkicha magaalota olla jiraniif akkasumas gandoota badiyyaatiif waamicha fincila xumuraa garbummaa dhiyeessuu isaanii odeessi qeerroo ibseera.