Godina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa jiraachuu Qeerroon gabaase

because-i-am-oromoGodina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa kan jiruufi guyyaa kaleessaa Adooleessa 20 2016 halkan dargaggoota hedduu hiriiraf ummata yaasuf yaalii godhaa jirtu jechuun mana manarra deemee mana hidhaatti guuraa turuun dhagayame dargaggoota mana hidhaa maagala seeroftaatti guuraman keessaa ammaf kan maqaan isaanii nu gahe.

1, Muhaammad Adam

2, Huseen Awwal

3, Amiin Waariyoo

4 Husiyyaa Dhaqaboo

5, Jeylaan Aloo fi Qamar Muhaammad jedhamu.

Karaa biraatin magaalaa shirkaa keessatti Adoolessa 20 216 galgala polisiin feederaalaa ummata reebaa buluun kan dhagahame yoo ta,uu namoota galgaleeffatanii gara manaa galan reebaa turuu fi ummanni magaalattii yeroo ammaa dheekkamsa keessa jira , Arsii bahaa magaalaa sireetti Adoolessa 19 2016 basaasummarrati bobba,anAmaan Jundii fi Baqqalaaa Urgeessaa namoota jedhaman tarkaafii irratti fudhatameen magaalaa dheeraattii yaalamaa jiraachun himame.

Leave a comment