Diddaan Ummata Naannoo Amaaraa Itti Fufee Jira,Barruuleen Waamicha Diddaa Sirna Wayyaanees Garee Paartii Siyaasaan Faca’aa Jiraachuun Beekame.

TglAdoolessa 19,2016  Akkuma beekamu torban kun naannoo Amahaaratti uummanni gaaffii mirgaa kaasee halkani guyya wal irraa odoo hin citin hanga har’aatti itti fufee jiraatuun waan uummanni  martuu argaa jiruudha. Paartiin kun maadhewwan naannoo kanatti qabu dammaqsuun quunnamtii bakka interneetiin hin jirrettis qaamaan walitti dhufuun fincila eegalame kana keessumaa magaalaa Dabrataaboritti uummanni kamuu ka’ee fincila naannichaa wal qixxeessuu akka qabu kaka’umsa taasisanii jiru. Kanumaanis uummanni Tigraay naannicha keeysa buufatee jiru olaantummaan Tigree kana booda akka gadi deebihu qabeenyaan isaan naannichaa qaban gubuu fi daandii itti cufuun konkolaattota isaaniibarbaadeessuutti waamichi waliif taasisaa jiru. kanumaanis wal qabsiisuun waaichi “Taallaq Yetigil Xirrii” jedhus waraqaa bittimsanii jiru.
Naannoo Tigraay zoonii dhiyaa aanaa Humaraatti uummanni gara Gondoritti konkolaataan koodii Tigraay qabdu irratti tarkanfiin uummata Amaaran fudhatama jira konkolaataan koodii Tigraay ofirraa qabsu socho’uu hin dandeessu garuu kan naannoo Amaaraa gara feetetti socho’aa jirti kun maaliif taha? jechuun uummanni naannoo Tigraay kaasee jira.  Kanumaan kaadiroonni Tigree naannichaa kan naannoo Amaraa irrattis tarkaanfii fudhachuun ni danda’ama jechun uummata force gochaa akka jirus hubatamee jira.

Konkolaataa koodii Amaaraa dhaabsisuu qabna jechaa jiru.  Uummanni naannoo Shiree jiraatu yeroo fincilli ka’u uummanni Tigraay maaliif rukutama? Maalifis qabeenyi isaa gubama? Uummanni Tigraay maaliif reebamaa? Mootummaa gaaffii hin deemnu gara tarkaanfiitti seenna jechuun jiraattotni naannichaa wal qindeessani ka’aa jiru. Mootummaan maaliif mirga tokko nuuf kennu didee jechaa jiran jedha odeessi nu gahee jiru.

Leave a comment