Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa

13439078_1650840838571810_5802236579212269780_n (1)Adoolessaa 8/2016 Gidduugalessi Oromiyaa Shaggar Lixaa Magaalaan Giincii Gara Dirree Waraanaatti Jijjiiramtee Jirti. Waraannii Agaazii Guddaan Halka kana illee Dabalataan gara Gidduu galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa Lixa Shaggar Magaalaa Giincii , Amboo, Meexxii, Olaankomii, Ejeree, Gudar, Baabbicha, Geedoo ,Baallammii, Dirree Incinnii , Daannoo, Ijaajjii , Baakkoo, Holootaa , Jalduu, Adaa’aa Bargaa Mogor , Meettaa fi  Gindaabarati fi Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu wallaggaa: Shaambuu, Finca’aa, Amuuruu, Guduruu, wallaggaa Bahaa Naqemtee fi Naannoo  Ishee irra socho’aa jiraachuu fi Bifa haaraan Qubsiifamuuf kan jiruu  ta’uun saaxilamee waan jiruuf Qeerroon Dargaggootni  Barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo  bakka jirtaan hundatti gamtaa keessan jabeeffachuun utuu Waraannii kun gandoota  Baadiyyaa fi maayibaasii adda addaa irra hin qubsiifamiin daandii itti cufuun of irraa ittisuufi  Waan Dandeenyuu hundaan humna
uummata Oromoo gooluu fi Shororkeessuuf socho’uu kana of irraa deebisuufi Warraaqsaa  biyyooleessa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa itti jirru  itti jabeessuun furmaata ta’uu wal hubachuun hiriirree haa falmannu!!

Leave a comment