Adoolessa 8,2016 , Torban darbe kutaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas silkii Laaftootti manneen seera ala ijaaraman jedhaman jedhamuun wayyaaneen diiguuf humna qabduutti fayadamuudhaan uummannis dura dhaabbatuun Fincila ka’een lubbuun namoota hedduu darbuun ni yaadatama. Wayyaaneen afaan qawweetti fayadamuudhaan mana iyyeessaa diiguu irratti kan xiyyeeffate ammalllee kan hin dhaabne manni amma diigamuuf karoora keessa seenee jiru mana uummataa 1550 oliidha, Akka odeeffannaan ibsutti kumaatama hedduutti kan lakkaawamu uummanni bakkeetti gatamee jiraatuunis ifaadha. Ammas haaluma kana fakkaatuun yeroo ammaa kutaa magaala Aqaaqittis manneen uummataa diigamuuf karoorfamee jiru adda durummaadhaan uummanni 500 ol tahu bahee dura kan dhaabbate mana isaanii keessaa guuruudhaan mana hidhaatti guuranii erga hidhanii booda gara manneen isaanii diiguutti tarkaanfataa jiraatuunis odeessi gamasii nu gahe adddeessa. Mana keenya hin diignu mana keessan diigaa jechuunis adda durummaanis uummata keessaa abbootii manaa walitti qabuunis dura dhaabbanne falmuu qabna kan jedhanis isin ABO dha jechuun namootni 21 yakka siyaasaatiin hidhamanii jiru. Wayyaaneen namoota jajjaboo tahan kan sodaa irraa qabdu diigamuu mana isaanii dura kan dhaabbatan addatti oromoo qofa walitti qabdee isin ABO fi Qeerroo deggertu jechuunis hidhaatti guuraa jirti.
Godina addaa oromiyaatti s waraqaan Qeerroon kaleeysa bittimse
– Lafa keenya kenhuu hin qabu
– Dhimmi lafa keenya lafee keenya
– Wayyaanee hin ilaallatu lafti oromiyaa
– Abbaa biyyummaa keenya haa mirkanneeffamu
– OPDOn bakka nun buune
Jedhu godina addaa oromiyaa Buraayyuu fi Laga xaafoo keessa bittimfamuun Qeerroon gabaasee jira. kanaaf wayyaaneen dhimma babal’ina lafaa yaaduu miti amma gara FXG sodaatti deebitee konkolaataadhaan waraana ishee keessa deddeebisaa jirti. Laga Xaafoottis guyyoota muraasa dura diigumsa mana jireenya kuta amagaala Laaftoo balaaleffanna jechuun waraqaan tamsa’ee ture Wayyaaneef yaaddoo taheera.
FXG godinaalee shiyaattis itti fufuun shawaa lixaa keessa daandiin cufamuun tarkaanfiin konkolaattota wayyanee irratti fudhatamaa
jiraatun Qeerroon gabaasee jira.