Gincii,Dirree Dawaa,Kofalee fi Shashamannee keessatti Sochiin FXG Itti Fufee Jira.

Itti fufaAdoolessa 8,2016 Magaala Dirre Dawaa ganda 02 bakka addaa Saabiyaan jedhamee waamamu ganama halkan waxabajii 5/2016tti Alaabaan ABO bakka sadii olitti kan fannifame hanga har’aatti turuun Qeerroon kan gabaase akkasuma naannoo buufata poolisiitti alaabaan fannifames humna poolisii Wayyaaneetiin kan bakka fannoorraa bu’e tahuun Qeerroon gabaase.
Alaabaan ABO fannifamuun dabalatti uummanni qabatee yeroo Iidaadha galutti dhaadannoo waliin dhagesisuun gabaasni Qeerroo magaalicha irraa addeessa. Dabalatuudhaan godina Arsii lixaa naannoo Shaashimannee fi Shaalatti bakka 4tti waraqaan waamichaa bittimfamuu Qeerroon gabaasee jira. Waamichi Qeerroon waraqaa balaliituudhaan magaala shaashimanneetti bittimse
–    Qeerroon dargaggootni ka’i
–    Wayita ramadaanaa kanatti namootni  13 nujalaa ajjeefamaniif itti Wayyaaneen itti gaafatamuu qaba
–    Qabsoo keenya itti fufuu qabna
–    FXG finiinsuu qabna
–    Uummanni oromoo ka’aa nu waliin hiriiraa
–    Mootummaan wayyaanee ajjeesaadha
Uummanni naannichaa FXG itti fufuu keessattis tarkaanfii gara fuula duraatti fudhatamu qabuuf qopohii barbaachisaaf of qopheessaa jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan FXG waan itti fufeef ergamtootni diinaa magaala Shaashimannee keessa jiraatu miliquun naannicha akka gadhiisan gabaasni Qeerroo addeessa.  Jiraatootni kanneen gara mootummaa dhaabbatanii fi deggertotni mootummaa sochii Qeerroon magaala Shaashimannee taasisaa jiruu fi dhaadannoo garagaraa irraan magaalicha gadhiisuun gabaafame.
Aanaa Kofaleetti FXG kaleessa itti fufe irraa kaasee har’a humni waraana agaazii uummata keessa deddeebihaa ooluun namootni hedduun
hidhaatti guuramuun Qeerroon gabaase.  Daandiiwwan konkolaataa yeroo humni waraana wayyaanee uummata keessa faca’etti cufamuudhaan humni addaa uummata keessa utuu faca’ee hiraarsuu har’as FXG itti fufee ooleera.

Gama biraan guyyaa har’aa Adoolessa 8,2016 godina lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti bifa qindaayaa ta’een sochiin FXG hanga ammaa itti jirtama.

Leave a comment