Humni Poolisii Federaalaa fi Waraanii Agaazii lakkoofsaan heddumina qabu magaalaa Amboo irra qubsiifamuun uummata Oromoo Shororkeessuun kan beekaamu poolisoota Federaalaa Wayyaanee fi ilmaan Oromoo achi keessatti argamaan waliin walitti bu’insii guddaan dhalachuun sabboontootni Poolisootni Oromoo ta’anii fi kanneen ergamtuu wayyaanee ta’an waliin dhukaasaa wal irratti banuun poolisootni ergamtuu wayyaanee lamaa ol kan ajjeefaman yoo ta’uu Poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa tokko wareegamuun ibsamee, poolisootni hedduun madeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsame jira.!! Yakki Waraanaa Uummata Oromoo ummata sivilii irratti gaggeeffamaa jiraachuu irra waraanaa sirnichaa fi poolisootaa Sirnicha keessatti argamaan gidduutti wal shakkii guddaan dhalachuun afaan qawwee walitti naanneessuun wal haleeluun kan eegalamee jiru ta’uun hubatamera. Poolisiin Federaalaa dhalootaan Afaar jedhamu tokkos poolisootaa ajjeechaaf barbaadu ,barbaadee waan dhabeef haadha manaa isaatti dhukaasuun haalaan madooftee hospitaalaa jiraachuu maddeen gabaasaan. poolisoota dhukaasa wal irratti banaan keessaan kanneen wareegaman keessa1. Poolisii Tasfaayee Bahaaruu dhalootaan Oromoo, Bakki Dhaloota isaa Baalee, Agaarfaa ta’uun mirkanaa’era.
2.Poolisiin 2ffaan kan ajjeefame dhalootaan uummata kibbaa Sidaamaa yoo ta’uu, yeroof maqaa isaa kan hin arganne ta’uun ibasame jira.
3.Poolisootni Ergamtuu wayyaanee dhalootaa tigree ta’an lamaa olitti lakka’aman kanneen dhukaasaa poolisoota Oromoo waliin wal irratti bananiin ajjeefaman yeroof maqaan isaanii kan gargar hin baane ta’uun ibsamera.
4. Poolisootni hedduun kanneen madeeffaman jiraachuun ibsamera!!
Haaluma kanaan Magaalaan Amboocaalmaattigara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jiraachuun raafama guddaa keessa galtee kan jirtu ta’uun hubatamera!! Suuraa poolisii Federaalaa Keessa kan hojjetu ilma Oromoo kan maqaan isaa ‘Tasfaayee Bahaaruu’; attach goone jirra.