Adoolessa 5,2016 Qondaalotii fi loltooti Wayyaanee TPLF Godina Arsii bahaa magaalaan Seeruu keessatti sagalee mormii Qeerroon dhageessisaa jiruun raafamaa jirti. Kanumaanis wal qabatee waraanni Wayyaanees ummata akka malee reebaa jiraachuun dhagahamaa jira, achuma Seeruu keessatti humni addaa yookan gareen tarkaanfii basaastota Wayyaanee sadii kanneen maqaan isaanii:-
- Girmaa Mulaatuu,
- Taaddasaa Aayyaalew fi
- Abdoo Huseen
Jedhamanii fi kanneen hojiin isaanii achuma magaalaa Seeruutti daldalarratti bobba’anii gama kaanin itti gaafatamtoota gareef gooxii ta’an irraatti uummanni qabeenyii fi maatiin isaanii jalaa miidhaman aarii irraa ka’uun tarkaanfii fudhateen miidhaan cimaan irra gahee Hospitaala Roobee diida’aatti yaalamuuf geeffamuun dhagahamee jira jarri kunniin yeroo garagaraaatti uf eeggannoon kennameefii gocha kanarraa deebi’uu diduun isaanillee himame.