Adoolessaa 3-4/2016 Godina Lixa Shaqggar Amboo: Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti Goototni Qeerroon Daragaggootni Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo walitti Dhufuun Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa bifa adda ta’een dhoosuun mootummaa faashistii abbaa irree wayyaanee dura Dhaabbatan. Yakka Ajjeechaa Duguginsa Sanyii (Genocide) Godinaalee Bahaa Oromiyaa Harargee Awwadayi , Arsii Lixaa Shaashaamannee, fi Bakkoota hedduutti Yaakka Waraanaa Agaaziin Rawwatamaa jiru gadi jabeessuun balaaleffatan.
Tarkaanfiin Ajjeechaa Duguuginsa Sanyii Waraanaa Agaaziin uummata Oromoo Oromiyaa golee garaagaraa keessatti fudhatamaa jiruu kufaatii abbaa irraa kan saffisiisuu fi mootummaa wayyaanee fi aangawootaa biyyatti gaafatamaa seeraa fi seenaa jala kan galchu malee gaaffii uummata Oromoo deebii kan hin taa’ee fi Warraaqsaa Biyyooleessa Oromiyaa takkaa dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu ifaadha!!
Warraaqsiii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaan Godinaalee Bahaa Oromiyaa Finiinfamaa jiruu Daran Jabaachuun Giddugaleessa Oromiyaa Finfinnee fi Naannoo Ishee dabalatee Godinaalee dhihaa Oromiyaa guutummaa Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanoota godina lixa Shaggar jalatti argamaan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Godina Bahaa Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti Itti Fufee Jiraachuu Fi Barruun Warraaqsa FXG Marsaa 6ffaas Godinicha keessa belbelaa jiraachuun Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee taa’umsaa fi dhaabii hanqatee halkanii guyyaa dhiphinaa fi Muddaama ulfaatatti seenee jiraachuun ibsame jira.
Haaluma Walfakkaatuun Lixa Shaggaar Aanaa Xuqur Incinnii Magaalaa Dirree Incinniitti bifa adda ta’een Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG marsaa 6ffaan kan dhoofame yoo ta’u, Godinichuma Aanota Akka Tokkee Kuttaayee, Gudar, Amboo Mana Barumsaa liibaan Maccaa sadarkaa 2ffaa, Giincii, Jalduu , Meettaa Roobii, Gindabarati, Adaa’aa Bargaa, Midaa Qanyiitti Sochiin uummataa fi dargaggootaan jabaachuu irraa mootummaan wayyaanee soda fi Muddama guddaa seenuun human waraanaa dabalataan uummatarratti bobbaasuun duulaa hidhaa, sakkattaa’aa fi hiraarrasaa guddaa waraanatti dhimma bahee raawwachaa jiraachuun yakka waraanaa uummataarratti dalagaa jiraachuun ibsamera.