Noolee Buttaatiin!
Uummati Oromoo aadaa jiruuf jireenyaa hawaasummaa,dinagdee,falaasamaa,siyaasaa kan mataa ofii qaba! Falaasama addunyaa keenyaa keessatti biyyoonni guddatanii dhaga’ama gonfatanis warra waan ofitiin guddate,itti boonee fi ittiin jiraate,warra of ta’edha!
Oromoon falaasama fayyaa hawaasa isaa eeguu keessatti Many’ee hedduu itti gargaarama! Many’een caba fayyisa! Many’een luka loonii gara jalaa qorii olittii fi buusa olii gadi kan jiru harka loonii irraa fudhatama! Namni cabe many’ee kanatu kennamaafi! Namni cabe akkuma Many’ee soorateen dafee fayya! Ancootee “guboo”wajjin immoo ni caala!
Qaama namaa irratti Many’een bakkaa bakkatti ciqilee buusaas ni jedhama.egaa namni tokko yoo cabee miidhame,”buusaatu bu’e many’ee malee maaltu fayyisa jedhamaafi!
Manniho? Jechuun keessan hin hafu ta’a manni bakka aara galfi ilma namaati! Qarooma addunyaa keennaa keessattis mana akka itti ijaarratantu ammayya’aa fi wayyaawaa deeme male namni fi uummati mana malee jiraatu hin jiru
Dhalli namaa addunyaa keessatti holqaa qabee hanga gamoo har’a ijaaraa jiru keessatti wayyeessaa kan deemee fi yeroo ammaa kana dhala namaatiif bu’uura jireenyaa basic need jedhameetu jira.itti dablataafi beeyladoota manaa dabalatee dirqama kan dhala namaaf barbaachisu ta’ee jira Manni Keenya Many