Damee Boruutiin
Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qotee bulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.
Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti.Iyyii Iyya Labsi
Pingback: Manni Keenya Many’ee Keenya! Noolee Buttaatiin! » OROMIAPRESS