Adoolessa 1,2016
Qellem Wallaggaa,Anfillootti Alaabaan fannifame. Odeessa Qeerroo magaala Anfilloo Muggii irraa addeessuun kaleessa Waxabajii 30/2016 Muggi Bulchiinsa magaalichaa fi bakka addaa Gabaa Dafinoo jedhamee waamamutti alaabaan fannifamee oolee buleen har’a poolisiin Wayyaanee Aannicharra jiru buusuun gabaafame. Alaabaan ABO yeroodhaa yerootti irra deddebiin magaala Anfilloo, Muggiitti fannifamuu fi guyyaa gabaa sanbata darbe gaba kamisaa bakka jedhamee waamamutti dhaadannoon dhageesifamuu fi waajjirri OPDO diigamu fi barreefamni sirna mootummaa Wayyaanee balleessaa jedhus barreeffameen poolisoonni wayyaanee guyaya kaasun olii fi gadi fiiguun kan beekames uummanni yeroo kana walgayii wayyaanee diiguu fi walumaa galatti sirna mootichaa magaalicha keessaa balleessuuf qabsoo Qeerroon taasisaa jiruu fi guyyuudhaan alaabaan fannifamuunis ergamtoota Wayyaanee kaabinoota tahanii jiraatan yaaddessuu odeessi Qeerroo adeessa.
Haaluma kanaan amanamaa fi ilmaan oromoo aanicharraa kan hiisisaa jiru waajira nageenyaa aanicha Israael Fayisaa kan jedhamu WBOn aanicha keessa seenera jechuun humna waraanaa mootummaan akka aanicharra qubachiisu iyyannoo taasisaa jira.
Barruuwwan hedduunis faca’a jiru. Alaabanis manneen barnootaa fi waajjiralee garagaraatti fannifamuun FXG aanichatti itti fufaa
jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Uummanni ifatti mootummaa wayyaanee hin feenu jedhees walgayii tahurrattis dubbatuu itti fufe.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist