Ajjechaan Ilmaan Oromoo Irratti Raawwataa Jiru FXG Boodatti Hin Deebisu!!
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mootummaan Wayyaanee Abbaa Irrummaa isaa bifa mul’ataa fi dhokataadhaan gadi jabeessee itti fufuun lammillee Oromiyaa ilmaan Oromoo mana jireenya isaa fi bakkoota hojii akkasumas manneen barnootaa sadarkaa gadii hamma Yuniverstii keessatti adamsuun rasaasaan ajjeesaa kaanis hidhaatti guuraa aangoo irra bubbuluun waggppta 26 lakkaawataa jira.
Waggoota umurii Mootummaan EPRDF(TPLF) aangoo irra ture kana keessatti qabsoo uummanni Oromoo taasisaa turee fi itti jiru keessatti qabsoo karaa nagana mirga uummata Oromoo argamsiisuuf carraaqiin ta’ee keessatti biyya abbaa isaa keessatti roorrifamuu fi hiraarfamuun sabi Oromoo nagaa dhabaa jira. Nagaan bahanii mirga uumamaa fi namoomaa gaafachuun akka yakka ta’eetti meeshaan waraanaa fi humni waraanaa uummata nagaatti duulchifamee ajjeechaan akkaanii uummata Oromoo irra gahaa waggaa 26 lakkoofse.Kunis ta’ee qabsoo sabi Oromoo deemsisaa jiru duubatti deebisuu hin dandeenye.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 2016
