DHIIGAAN -OROMOO-OROMUMMAA-SABBOONUMMAA-WAREEGAMA-WALABUMMAA-OROMOO

SEENAA    Y.G   (2005)=!

Barreessaa dhugaa baasa!Qabsoon Oromoo halkanii fi guyyaa xiinxala itti heddummeessinee busheessuuf yaallu, har’aa sadarkaa eenyullee dura dhaabbachuu hin dandeenyetti ce’aa jiraachuu guyyuu argaa jirra. Yaadi Ummataa bifa kamiitu Qabsoo sabichaa milkeessu keessatti shoora ol aanaa ni qabaata. Dhimma Biyyaa kan ilaallatuu mitii, dhimmi nama dhuunfaayyuu yaadaa fi qeeqa dhaggeeffachuun dirqama. karaa walitti argisiisuu fi wal gorsuu irratti humni ejjannoo jabaa hin qabaatiin, eessallee ga’uu hin danda’u. Gama kiyyaan qabsoo Oromoo irratti yaadoota dhihaatan hedduun hordofeen jira. amma beekumsaa fi hubannoo kiyyaa deebii kennufi kanan yaale nin qaba. Yeroo hedduu yaadaa yk qeeqa na raajuu fi deebii itti laachuufillee kan nama rakkisan yennaan arguu callisuun filadha.kanneen keessaa yaadoota na ajaa’ibsiisantu jiru. Namni Oromoo ta’ee tokko, adeemsa qabsoos haa ta’uu, dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti qeeqaa fi yaada adda addaa inni kennuu, kan diinni kennu irraa adda ta’uu dhabuu isaatu na raaja. Yaada qofaa osoo hin taanee, diina caalaa Qabsoo Oromoo fi ABO biyyeetti makuuf jechoonni itti gargaaraman nama rifaasisa. carraa argataniin ammoo diina yennaa qeeqan jechoonni itti gargaaraman hedduu nama qaanfachiisa. keessa koo na guba. Diinni ABO fi Qabsoo Oromoo maaliif jibba ? jibba isaa kana akkamiin ibsata? ? yoo itti milkaa’eef, Qabsoo Oromoo fi ABO lafa irraa dhabamsiisuuf maaliif hojjata ? wayyaaneen, ABOn shororkeessaadhaa jedhee addunyaa daboo kadhachaa ka jiru, waggaa 25 guutuu irratti duulee, hidhaa fi ajjeechaan , Biyyaa yaasuun kkf hojii gonkumaa borillee akka waliin hin jiraanneetti kan irratti hojjatu diinni diina waan ta’eefidha. Kan diina kana waliin dhaabbatee yerooma isaa eeggata malee diinumadha. Akka walii galaatti diinni Qabsoo Oromoo fi ABO akka itti dhiheessachuu barbaadu ifadha. maarree Ilmaan Oromoo akka diina kanaa taanee Qabsoo Oromoo fi ABOtti duulla yoo jedhan , ani kun nagummaa natti hin fakkaatu. Diinni ABOn yoo bade, bara baraafan jiraadha jedhee akkuma hojjatu, ABOn dhabamuun dantaa keenyaaf nu gargaaraa jennee kan yaadinu yoo jiraanne, kunis nagummaa natti hin fakkaatu.DHIIGAAN OROMOOOROMUMMAASABBOONUMMAA

Leave a comment