Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf
Addatti Ammoo Bulchiinsaa Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessatti kanneen Argamtaniif
Waamicha Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF lukkeelee isaa ulee diinaa kan taate OPDO fi ergamtoota diinaaf amanamoo ta’an itti dhimma ba’uun isin balleessuuf akkuma karoorfatanii fi dhaadachaa turan itti Sabboontoota Ilmaan Oromoo bulchiinsa Magaaloota addaa Naannawaa Finfinnee keessatti hooggantoota, kaabinootaa fi Ogeessoota Professionally ta’uun uummata tajaajilanii fi kanneen dhugaan roorrifamuun Oromoo isiniif galee Shira uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiru fudhachuu diduun Oromummaan keessan isinitti dhaga’amaa jiruu fi uummata keessan cina dhaabbachaa jirtan hundi diinni shira ulfaataa kan ittin mana hidhaatti isin guuree isin rakkisuu, lubbuu keessan Balleessuuf karoorfateefi Biyya irraa isin arii’achuuf karoorfate hojiitti hiikaa jiraachuu fi haalawalii galaan rakkoo ulfaataa diinaan uummata keenyarratti dalagamuu fi rakkoo waliigalaatti furmaata gochuu akka dandeenyuuf dhaamsa armaan gadii saffisaan isiniif dabarsuuf dirqamnee jirra.
- Ilmaan Oromoo Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaatti Bulchaa Magaalaa Sulultaa nama maqaan isaa Masfiin jedhamuu fi Kaabineen Wajjiraa Fayyaa Sulultaa namni maqaan isaa Dirribaa Tolaa jedhaman kan keessatti argamaan walumaagalattii ilmaan Oromoo namootni 25 Yakka itti fakkeessii maqaa Malaammaltummaan poolisii federaalaan qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Utuu yakka Malaamaltummaa ittisuuf ta’ee Ilmaan Tigiree fi Aangawootni TPLF kanneen akka Abboy Tsahaayyee, Azeeb Masfiin dabalatee hundii isaanii mana hidhaatti argamu ture. Garuu har’a Ijoolleen Oromoo dhugaa uummata Oromoo hubachuun dhugaa uummataa dura raga qabatanii dhaabbatan dhabuun uummata cina dhaabbachuuf waan murteessaniif dursanii hidhattii darbamanii jiran irraa barnoota guddaa barachuu qabdu!!Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf
