Damee Boruu irraa
Gabrumaa jalatti kufuun Oromiyaa biyya lafaa irraatti isa duraas miti; isa dhumaas tahuu hin danda’u. Daandiin qabsoo bilisummaa hadhaa’a fi jajjalataa wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye akka gaafatu beekamaa dha. Qabsoon godhamu bara dheeraa fi umurii dhaloota heddduu fudhachuus ni danda’a. Walii gala garuu dhalootni har’aa dhaloota kaleessaa irraa baratee of qaree gara fuula duraa tarkaanfata, dhalootni boruu immoo isa har’a irraa caalaa baratee , of ijaaree qabsoo uummataa bal’aa daran fininee akka galamaan gahu godha.
Mee Qabsoo uummata Afrikaa Kibbaa (South Africa) gabaabatti haa ilaalu. Bara 1652 Holland irra Sabni adiin Boer jedhamu humnaan dhufee qubate. Haa tahu malee uummatni Afrikaa guutuutti harka isaani itti hin kufne. Naannoo isaanitti Mootatan ofiin buluuu danada’a turan. Bara 1860 motummaan Inglizii humna Waraanaa guddaa fi meeshaa waraanaa baraan weerara itti bane. Amma bara 1878 utuu of irrattti lolanii guutuummatti caban. Sana booda mootumaa sanyi balfatu Mootummaa Apartheid jedhamee beekamuu kan uummata bifaan adda baasu dhaabbatan.
Adii fi guraachi jiruu fi jireenyaanis tahe Seeraan adda bahaan. Bara 1912 ANC (African National Congress) qabsoo uummata guraachaa geggeessuuf dhaabbate. Bara 1913 guraachi lafa bitachuu fi qabaachuu mirga hin qabu kan jedhu labsiin lafaa bahe. Tooftaan qabsoo ANC jalqabaa mootumaa Inglizi itti iyyaana dhiyeefachuu dha. Kan waraanan cabsee Mootumaa Aparteid ijaare Mootummaa Inglizii waan tahee iyyaanaa ANCiif gurra hin kenneef. Qabsoo Biyya Biraa Irraa Uummatni Keenya Maal Barata