Waxabajjii 2/2016 Hidhamtootni Oromoo 32’n Kanneen Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee Keeaatti Utuu Afooshaaf Walitti Qabamani Jirani Qabaman Guyyaa Kaleessa Waxabajjii 1/2016 Wayita Mana Murtii Lidetatti Dhiyeeffamanitti Uffata Gaddaa Uffachuun Hacuucaa Fi Daraaraa Irra Ga’aa Jiru Balaaleffatan.
Mani murtii Wayyaanee qofaaf dalaguu fi ilmaan Oromoo irratti daba dalaguu irraa duubatti hin deebine ilmaan Oromoo daraaraa fi hirraasa maqaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamaanii fi gochaa suukkaneessa isaan irra ga’aa jiruu fi sobaan himatamaa jiraachuu balaaleffachuun uffata gaddaa uffataan aangawootni abbaa irree Mana murtii wayyaanee wal ta’uun Uffata isaanii kana dirqamanii akka baafatan gochuun mirga namummaa irraa sarbee uffata irraa baasuun gara mana hidhaa Qilinxootti kan deebise ta’uu saaxilame.
Hidhamtootni ilmaan Oromoo mirga hidhamaan seeraa tokko illee qabu dhabuun uffata gaddaa maaf uffattaan jedhamani illee utuu hin gaafatamiin uuffata isaanii kana akka of irraa baafatan dirqisiifamuun kan baafatan yoo ta’uu mirgi dhala namummaa isaanii sabamaa jiraachuun hubatamee jira.
Walumaagalatti haalli qabinsa mirga hidhamtoota Oromoo yeroo irraa gara yerootti hammachaa fi haalaan kan nama gaddisiisuu ta’aa waan jiruuf Dhaabbileen mirga namummaa Addunyaa Amenisty International , Human Right watch , Dhaabbileen mirga Dhala namaa Gaafa Afrikaa, mootummootni fi biyyootni leelliftummaa mirga dimookiraasii fi dhala namaaf waardiyaa dhaabbattan ilmaan Oromoo manneen hidhaa Impayera Ethiopia bakkoota garaagaraa keessatti dararamaa jiraniif dirmannaa akka gootan Qeerroon bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun dhaamasa dirmannaa dabarfanna!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist